Marsariitii Jechuun Maal Jechuudha?
Marsariitii jechuun walitti qabama (Page) wal-fakkaataa ta’ee fi itti waamama marsariitichaa (Domain) tokko jalatti argamu yemmuu ta’u, marsariitin nama dhuunfan ykn dhaabbata tokkoon kan ijaaramuu danda’udha. marsariitii kamiyyuu fayyadamuuf (Access) gochuuf toora intarneetii fi meeshaale (Device) wwan akka Bilbila, Tablet, Kompiitaraa fi kkf tti dhimma ba’uun dirqamadha.
Marsariitin Maalif Ijaarama?
Sababni marsariitin itti ijaaramuuf, dhaabbanni tokko oomisha isaa irratti gurgurachuuf ykn ittiin beeksifachuuf ykn tajaajila adda addaa ittiin kennuuf yemmuu ta’u, akkasumas namoonni dhuunfan marsariitii isaanitiin wantoota hawaasa ykn uummata barsiisan fi odeeffannoowwan adda addaa ittiin kennuuf itti fayyadamu.
Marsariitin Akkamitti Ijaarama?
Marsariitin gara lamaan ijaaramuu ykn uumamuu danda’a. inni tokko karaa Content Management System (CMS) fayyadamuun yoo ta’u, karaa inni lammaffaan Coding ykn Programming dhaan.
Karaan inni jalqabaa beekumsa Content Management System (CMS) kan barbaadu yemmuu ta’u. karaan inni lammaffaan beekumsa ykn dandeetti Coding ykn Programming kan barbaadudha.
Dhaabbanni Tokko Marsariitii Dhuunfaa Isaa Qabaachuf Maal Gochuu Qaba?
Dhaabbanni tokko marsariitii dhuunfaa isaa qabaachuf, ogeessa ijaarsa marsariitii (Web Development) fi marsariitii babbareessu (Web Design) irratti dandeetti qabu qacaruun ijaarsifachuu danda’a ykn dhaabbata ijaarsa marsariitii irratti hojjataniin ijaarsifachuu danda’a. dhaabbanni tokko marsariitii fayyadama taanan, marsariitii sana yeroo yeroon hordofuun, haaromsuun fi ergaa ykn gaaffii ykn yaada tajaajilamtoota ykn fayyadamtoota marsariitichaa hordofuun deebisuun fi hojii irra oolchun baay’e barbaachisaadha.
Namni Dhuunfan Tokko Marsariitii Qabaachuf Maal Gochuu Qaba?
Namni dhuunfan tokko marsariitii qabaachuuf dirqama Coding ykn Programming danda’uun irraa hin eegamu. Domain erga bitee booda Content Management System (CMS) fayyadamuun marsariitii dhuunfaa isaa ijaarachuu (Setup) godhachuu danda’a. Content Management System (CMS) namoonni heeddun itti fayyadaman keessaa isaan beekamoon WordPress, Joomla fi Drupal yemmuu ta’an. intarneeti irra seenun maal akka ta’anii fi akkaataa itti fayyadama isaanis sirriitti erga bartanii booda. tokko filachuun itti fayyadamuun ni danda’ama. WordPress, Joomla fi Drupal keessaa namoonni heeddun kan jaalatan WordPress yemmuu ta’u. namni kamiyyuu jechuunis namoonni fiildi IT keessa hin jirre kamiyyuu. erga akkaataa itti fayyadama isaa baranii booda marsariitii dhuunfaa isaani ijaarachuu (Setup) godhachuu danda’u.
Marsariitin baay’ee barbaachisaadha. keessattuu dhaabbatoota oomisha adda addaa (Online) irratti gurgurachuu barbaadanii fi tajaajila adda adda marsariitin kennuu barbaadaniif. sababni isaas dhaabbanni tokko oomisha isaa marsariiti malee haala barameen osoo daldalee ykn gurguree, oomishni dhaabbata sanaa namoota ykn uummata ykn hawaasa naannoo san jiran qofatti gurgurama ykn daldalama. marsariiti dhaan garuu biyyaa fi aardidhaan osoo hin daangeffamin oomisha san adunyaa guututti daldaluun ni danda’ama. fknf: marsariitiwwan adunyaa guututti oomishni irratti daldalaman keessaa isaan beekamoon amazon.com fi alibaba.com jedhamu. akkasumas dhaabbanni tokko oomisha isaa beeksifachuu osoo barbaadee, dhabbatoota miidiyaa kan akka TV, Raadiyoo fi Gaaazexaa dhaf qarshii guddaa baasun oomisha isaa sirriitti beeksifachuu danda’a. marsariiti dhaan garuu qarshii xiqqoon adunyaatti beeksifachuun ni danda’ama, kana malees marsariitin bakka keessan ykn bakka dhaabbata keessanii bu’ee odeeffannoo guutuu kennuu danda’a. fknf: waa’ee oomisha ykn tajaajila keessanii, bakka argama dhaabbata keessanii, iimeeli keessan, lakkoofsa bilbilaa fi kan kana fakkaatan odeeffannoo heeddu.
Kanaaf marsariitin baay’e baarbaachisaa akka ta’e hubachuun ni danda’ama. keessattuu dhabbatoota tajaajila adda adda kennanii fi oomisha adda adda gurguran ykn daldalaniif.
What Is a Website?
Introduction
In the modern digital world, a website is one of the most powerful tools for sharing information, promoting businesses, and connecting with people across the globe. Whether for an individual or an organization, having a website is now essential. But what exactly is a website, and how is it created?
Meaning of a Website
A Website is a collection of related web pages that are connected under one domain name. A website can be created by an individual or an organization.
To access a website, users must connect to the internet through devices such as smartphones, tablets, or computers.
Why Are Websites Created?
Websites are built for various purposes.
For example:
- Businesses use websites to sell products, advertise services, and reach customers online.
- Individuals create websites to educate, share knowledge, or publish information that benefits society.
In short, a website serves as an online platform for communication, marketing, education, and service delivery.
How Are Websites Created?
There are two main ways to build a website:
- Using a Content Management System (CMS)
- Using Coding or Programming
The first method (CMS) is easier and requires little or no technical coding knowledge.
The second method (coding) needs strong programming and web development skills.
How Can an Organization Build a Website?
An organization that wants to create its own website can:
- Hire a Web Developer or Web Designer with the required technical skills, or
- Work with a professional web development company.
Once the website is built, it’s important to maintain it regularly — updating information, responding to customer questions, and ensuring smooth functionality.
How Can an Individual Create a Website?
An individual does not need to be a programmer to own a website.
After purchasing a domain name, one can easily build a website using a Content Management System (CMS).
The most popular CMS platforms are:
- WordPress
- Joomla
- Drupal
After learning how to use one of these systems, anyone – even without an IT background – can create and manage their own personal or business website.
Among them, WordPress is the most widely used CMS because of its simplicity and flexibility.
Importance of Having a Website
Websites are extremely important, especially for businesses that sell products or provide online services.
Without a website, a company’s sales or reach may be limited to only the local community.
However, through a website, products and services can be promoted globally, without geographical restrictions.
For example:
- Popular international e-commerce websites include Amazon.com and Alibaba.com.
- Instead of paying large sums for advertising on TV, Radio, or Newspapers, a company can promote its products online through its own website — often at a much lower cost.
A website can also serve as a complete information center, displaying:
- Product or service details
- Office address and location
- Contact email
- Phone number
- And other useful information
Conclusion
Websites play a crucial role in today’s world – they help businesses grow, make information accessible, and connect people globally. Whether you are an individual who wants to share knowledge or a business aiming to reach more customers, building a website is one of the smartest investments you can make.
The internet gives your voice, your brand, and your ideas a global audience – and your website is the key to unlocking that potential.
Discover more from Hundaaf
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
