Moosaajii Bilbilaa Jechuun Maal Jechuudha?
Moosaajii Bilbilaa ykn Mobile App jechuun sooftiweeri ykn program akka Bilbila, Tablet fi Sa’aati harkaa ammayyaawa ykn Smart Watch dhaf ta’utti diizaayin ta’ee ijaaramudha. moosaajin Bilbilaa yeroo jalqabaaf sirriitti kan beekame, bara 1997 Bilbila Nokia 6110 jedhamu irratti yemmuu ta’u, innis moosaajii geemi “Snake” jedhamu ture. moosajin kun moosaaji Bilbilaa kan jalqabaa fakkaatus moosaaji kana dura moosaajiwwan kan biraa meeshaale ykn Device’wwan kan biroo irra turaniiru. haa ta’u malee moosaajin yeroo jalqabaaf sirriitti namoota heeddun beekame moosaajii geemii “Snake” jedhamu kana ture. gabaabumatti moosaajin yeroo jalqabaaf develop ta’e sirriitti adda ba’ee kan hin mirkaneeffamnedha.
Yeroo ammaa Siistem Sooftiweerin Bilbilaa beekamoon 2 tu jiru. isaanis Android fi IOS jedhamuun beekamu. Android fi IOS siistem sooftiweeri Bilbilaa beekamoo yemmuu ta’an, biyya keenya keessatti uummanni irra caalu Bilbila siistem sooftiweerin isaa Android ta’e fayyadama.
Android siistem sooftiweeri yeroo jalqabaaf nama Andy Rubin jedhamuun develop ta’e yemmuu ta’u, ammaan tana siistam sooftiweerin kun dhaabbata Google‘n kan suuphamu ykn Maintain kan ta’uu fi caalatti guddachaa kan jirudha. yeroo ammaa siistem sooftiweeri kana meeshaalee ykn Device’wwan akka TV ammayyaawa ykn Smart TV, Sa’aati harkaa ammayyaawa ykn Smart Watch fi kkf niif akka oolutti diizayin gochuun hojii irra oolchaa kan jiranidha.
Bilbilli Bilbila jedhamuuf akkuma kompiitaraa, haardiweeri fi sooftiweerii qabaachun dirqama, sooftiweerii yeroo jedhamu siistam sooftiweeri fi moosaaji of-jalatti qabata. keessattuu Bilbiloota ammayyaawa akka isaan sirriitti jaalataman kan godhe keessaa inni tokko moosaajiiwwan bilbilaa user apps jedhamanidha. amma June-2022 tti moosaajiwwan Bilbila Android, miliyoona 2.3 ta’an kuusaa moosaajiwwan Android ykn Google Play Store keessatti yemmuu argaman. moosaajiwwan IOS miliyoona 2 ta’antu kuusaa moosaaji Aappil ykn Apple App Store keessatti argamu jedha qorannoon marsariitii statista.com.
Moosaajiwwan miiliyoonatti lakkaa’aman kun hundi kan uumamaniif, gaaffiwwan ykn rakkoowwan miliyoonatti lakkaa’amaniif furmaata ta’uuf ykn deebii kennuuf yemmuu ta’an, jalqaba Bilbilli keenya moosaajiwwan kan dhuunfaa isaa siistem sooftiweeri waliin kan walitti hidhaman ykn integrate ta’an qofatu irra jiraata. isaanis System Apps jedhamuun beekamu. moosaajiwwan System Apps jedhaman bilbila keenya irraa balleessuu ykn uninstall gochuu hin dandeenyu, garuu disable gochuun ni danda’ma. moosaajiwwan System Apps jedhaman qofti garuu gaaffiiwwan keenya heedduu ykn waan barbaanne hunda nuuf kennuu hin danda’an, kanaaf moosaajiwwan kan biraa kuusaa moosaajiwwanii keessaa buufachuun nu irraa eegama. moosaajiwwan kunis Non-System Apps ykn Third Party Apps ykn User Apps jedhamuun beekamu.
Moosaajiwwan ykn User Apps Bilbila Android Baay’ee Nama Fayyadan Isaan Kami?
Moosaajiwwan ykn User Apps Bilbila Android jiruu fi jireenya guyyaa guyyaan keenyaa keessatti itti dhimma ba’uu dandeenyu baay’etu jiru. fknf: moosaajiwwan bara 2022 baay’ee filatamoo fi jaalatamoo ta’an keessaa muraasni:
- Bilbila keenya vaayirasii irraa ittisuuf: Bitdefender Mobile Security.
- Bilbila keenya yoo ganne ykn nu jalaa bade, bakka ykn iddoo itti ganne beekuf: Find My Device.
- Hojiidhaf toora intarneeti irratti yeroo Apply goonu dookimantiwwan ykn CV ittiin erguuf: Gmail.
- Magaala ykn biyya barbaanne keessatti bakka ykn iddoowwan deemuu barbaanne akka salphatti beekuf ykn argachuuf: Google Map.
- Faayila baay’ee barbaachisaa ta’e akka tasaa Bilbila keenya irraa yoo balleessine ykn bade, deebisnee argachuuf: Dumpster.
- Suuraa gulaalu fi giraafiksii kamiyyuu hojjachuuf: Adobe Apps.
- Viidiyoo gulaaluf: KineMaster.
- Faayila ittiin walii erguuf, faayila Bilbila keenya irra jiru hunda too’achuuf, meeshaale ykn Device’wwan kan biroo waliin iskiriini waliin qooduf ykn share gochuuf: Airdroid.
- Bilbila keenyan dookimantii keenya scan gochuuf ykn dookimantii keeenya hard copy irra gara soft copy tti jijjiiruf: Camscanner.
- Bilbila keenya sagalee qofaan ajajuuf ykn sagalee qofaan gaaffi barbaanne kamiyuu gaafachuuf: Google Assistant.
- Dookimantiiwwan baay’e barbaachisoo ta’an keessatti kuufachuuf, Google Drive.
- Baarreeffama afaan ykn qooqa nuti hin beeknen barreeffame gara afaan ykn qooqa nuti beeknutti akka nuu hiikuf ykn jijjiiruf: Google Translate.
- Dookimantiiwwan adda addaa Bilbila keenya irratti uumuf (create) ykn kan uumame (create) ta’e fayyadamuuf: Microsoft office.
- Muuziqaa dhaggeeffachuuf, sagalee ykn audio gulaaluf, meeshaale ykn Device’wwan kan biroo waliin wal-simee muuziqaa akka taphatu gochuuf, viidiyoo ittiin taphachiisuf: Music Player fi kan kana fakkatan moosaajiwwan heeddun nu fayyaduu danda’an baay’etu jiru.
Moosaajiwwan armaan olii waan heedduf nu gargaaru danda’u. kanaaf kuusaa moosaajiwwan Android ykn Google Play Store keessaa buufachuun, jiruu fi jireenya keenyaa guyyaa guyyaan keessatti itti dhimma ba’uun, wantoota heeddu akka nuuf salphisan gochuun ni danda’ama.
What Is a Mobile Application?
Introduction
In today’s digital era, mobile applications – commonly called mobile apps – have become an essential part of our daily lives. From communication and entertainment to work and learning, almost everything we do involves mobile apps. But what exactly are mobile applications, and how did they begin?
Meaning of Mobile Application
A Mobile Application (Mobile App) is software or a program designed specifically for mobile devices such as smartphones, tablets, and smartwatches. The first mobile app that became widely recognized appeared in 1997 on the Nokia 6110 phone – the famous “Snake” game.
Although there were some earlier forms of software on other devices, “Snake” was the first mobile app that gained mass popularity. However, the very first officially recognized mobile app is still debated among developers and historians.
Mobile Operating Systems
Currently, there are two major mobile operating systems in use worldwide:
- Android
- iOS
In Ethiopia, and in many parts of the world, most people use Android-based smartphones.
The Android operating system was initially developed by Andy Rubin, and today it is maintained and continuously improved by Google. Android is now used not only on smartphones but also on Smart TVs, Smart Watches, and other smart devices.
System Apps vs. User Apps
Like a computer, every smartphone must have both hardware and software to function properly. Within software, we find two types: system software and applications (apps).
System apps are those that come pre-installed with the phone and are essential for its basic functions. These are called System Apps and cannot usually be deleted, though they can be disabled.
However, to meet user needs and provide additional functionality, there are countless Non-System Apps (also called User Apps or Third-Party Apps) that can be downloaded from app stores like Google Play Store or Apple App Store.
Statistics
As of June 2022, there were approximately:
- 2.3 million Android apps available on the Google Play Store
- 2 million iOS apps available on the Apple App Store
(Source: Statista.com)
These apps are developed to solve millions of problems or provide answers to users’ daily needs.
Most Useful Android Apps
Here are some of the most useful and popular Android apps that many people rely on every day:
- Bitdefender Mobile Security – Protects your phone from viruses and malware.
- Find My Device – Helps locate your lost or stolen phone.
- Gmail – For sending documents, applications, and work-related emails.
- Google Maps – For navigation and finding places easily.
- Dumpster – Restores accidentally deleted files.
- Adobe Apps – For photo editing and graphic design.
- KineMaster – For video editing.
- AirDroid – For transferring files and sharing screens between devices.
- CamScanner – For scanning documents using your phone’s camera.
- Google Assistant – For voice commands and hands-free search.
- Google Drive – For storing important documents securely in the cloud.
- Google Translate – For translating text between different languages.
- Microsoft Office – For creating and editing documents, spreadsheets, and presentations.
- Music Player – For listening to music, editing audio, and managing playlists.
These apps make everyday tasks much easier and more productive.
Conclusion
Mobile applications have revolutionized the way we live, work, and communicate. From simple games like Snake in 1997 to millions of complex and powerful apps today, mobile technology continues to grow rapidly. By downloading useful apps from trusted sources such as the Google Play Store, users can simplify their daily lives, stay organized, and remain connected in the modern digital world.
Discover more from Hundaaf
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
