Blog

Programming Language

Programming Language Jechuun Maal Jechuudha?

Adunyaa teeknoloojii keessatti jecha Programming ykn Programming Language jedhu baay’en keessan dhaggeessaniittu jedheen yaada. garuu Programming ykn Programming Language jechuun maal jechuudha? Namni Programmer jedhamu nama dandeettii akkamii qabudha?

Programming Language jechuun ajaja ykn seera nuti kompiitaraaf kenninu yemmuu ta’u,  kompiitarri waan nuti barbaannu akka hojjatuuf, haala Kompiitara ittiin ajajnu ykn ajaja nuti kennineef sana eegee akka hojjatu kan ittiin taasifnudha. seerri nuti ajaja ittiin kenninuuf kunis Syntax jedhamuun waamama.

Namoonni seera haala Kompiitaraaf ajaja ittiin kenninu kana ykn Syntax baratanii sirriitti hubachuu danda’an akkasumas Syntax dhaan Kompiitaraaf ajaja kennuudhan Kompiitarri waantoota adda addaa hojjachuu akka danda’u namoonni gochuu danda’an ykn Marsariitii ykn Sooftiweeriwwan adda addaa ijaaruu ykn Develop gochuu namoonni danda’an Programmers jedhamuun yemmuu beekaman, Programming jechuun immoo yeroo Kompiitara irratti Program ykn Code Goonu, Process’n ykn Activity’n isaa Programming jedhama.

Programming Languages kan jedhaman heedduu yemmuu ta’an, isaanis: “High Level Programming Languages” fi “Low Level Programming Languages” jedhamuun bakka 2 tti qoodamu. irra caalmadhaan garuu dhaabbatoota gurguddaa teeknoloojii irratti hojjatan keessatti yeroo baay’ee kan hojii irra oolan “High Level Programming Languages” kan jedhamanidha.

High Level Programming LanguagesProgramming Paradigms” jedhamuun bakka 2 tti qoodamu isaanis: “Imperative Programming Paradigm” fi “Declarative Programming Paradigm” jedhamuun beekamu.

Imperative Programming Paradigm kan jedhamanis bakka 3 tti qoodamu isaanis: “Object-Oriented“, “Procedural fi Parallel Processing Approach” yemmuu ta’an.

Declarative Programming Paradigm nis bakka 3 tti qoodamu isaanis: “Functional“, “Logic fi Database Processing Approach” jedhamuun beekamu.

High Level Programming Languages kan jedhaman haalli nuti Kompiitaraaf ajaja ittiin kenninu afaan Ingliffaatti kan baay’ee dhiyaatu fi akka salphaatti namni kamiyyuu barachuu fi hubachuu kan danda’udha.

Gosoonni High-level Programming Languages Isaan Kami?

Gosoonni high-level programming languages baay’etu jiru, isaan keessaa muraasni:

  • JavaScript
  • Python
  • Java
  • C
  • C#
  • C++
  • PHP
  • SQL
  • Swift fi kan kana fakkaatan.

Low Level Programming Languages kan jedhaman seerri nuti Kompiitaraaf ajaja ittiin kenninu “Binary” dhan  ykn 0 fi 1’n kan barreeffamu yemmuu ta’u, akka salphaatti namni kamiyyuu hubachuu kan hin dandeenye fi yaadachuufis ta’e barachuuf baay’ee kan nama rakkisudha.

Gosoonni Low-Level Programming Languages Isaan Kami

Gosoonni Low-Level Programming Languages:

  1. Machine Language ykn Machine Code fi
  2. Assembly Language jedhamuun beekamu.

Machine Language ykn Machine Code jechuun seerri nuti Kompiitaraaf ajaja ittiin kenninu 0 fi 1’n qofa yemmuu ta’u, Assembly Language jechuun seerri nuti Kompiitaraaf ajaja ittiin kenninu kan Machine Language ykn Machine Code irraa adda ta’us seera Coding baay’ee nama rakkisuu fi akka salphaatti namni kamiyyuu yeroo gabaabaa keessatti baruu ykn hubachuun kan nama rakkisuu fi haalli nuti Kompiitaraaf ajaja ittiin kenninu haala Abbreviation tin yemmuu ta’u serrri Coding kunis Mnemonic Code jedhamuun beekama.

Namni kamiyyuu jalqaba Programming Language inni barachuu qabu High Level Programming Language  ta’uu qaba. sababni isaas barachuufis ta’e yeroo gabaabaa keessatti hubachuudhaf kan nama rakkisu miti. akkasumas Low Level Programming Language irra caalaa salphaa waan ta’eefi. namoonni Programming Language irratti muuxannoo qaban akkas jechuun dubbatu “namni fedhii Programming barachuu qabu kamiyyuu jalqaba Programming Language inni barachuu qabu Python’dha. sababni isaas Python Programming Language akka salphaatti yeroo gabaabaa keessatti baratamuu kan danda’u waan ta’eef, sana booda suuta gara Programming Language kan biraa kan akka C++,  Java, JavaScript fi kkf barachuu danda’a” jechuudhan dubbatu. kana jechuun Python, Programming Language kan biroo irra caalaa salphaa fi yeroo gabaabaa keessatti baratamuu kan danda’udha. yeroo baay’ee namoota haaraa Programming barachuu barbaadaniif Recommend kan godhamu Python dha.

Namoonni Programming Language barachuu barbaaddan jalqaba gaaffin isin of gaafachuu qabdan maalan ijaaruu ykn Develop gochuu barbaada? gaaffi jedhudha. sana booda Programming Language’wwan kam akka barachuu qabdan adda baastu.

Fakkeenyaf namoonni Marsariitii ijaaruu ykn Develop gochuu barbaaddan ykn Web Development irratti hojjachuudhaf fedhii qabdan, Programming Language ykn Coding isin barachuu qabdan: HTML, CSS, JavaScript, PHP fi MySQL dha.

Namoonni moosaajii Application ijaaruu ykn Develop gochuu barbaaddan Programming Language isin barachuu qabdan: Java ykn Kotlin dha.

Namoonni moosaajii Iphone ijaaruu ykn Develop gochuu barbaaddan Programming Language isin barachuu qabdan: Swift ykn ObjectiveC dha.

Namoonni moosaaji Kompiitaraa ijaaruu ykn Develop gochuu barbaaddan Programming Language isin barachuu qabdan: Java ykn C++ ykn Python ykn C# fi kan kana fakkaatan.

Hayyee jaalattoota Programming fi dubbistoota maxxansawwan marsariitii hundaaf isin hoo maal ijaaruu ykn Develop gochuu barbaaddu? maal akka ijaaruu ykn Develop gochuu barbaaddan erga beektanii booda Programming Language isa kam barachuu akka qabdan maxxansa keenya kana irraa adda baastaniittu jennee yaanna. garuu akka yaada keenyatti dargaggoonni Programming ykn Coding barachuudhaaf fedhii guddaa qabdan jalqaba HTML fi CSS irraa osoo eegaltanii kan jedhu yaada qabna. sababni isaas HTML fi CSS baay’ee salphaa waan ta’eef yeroo gabaabaa keessatti seera Coding baruun gara JavaScript fi PHP tti darbuudhan marsariitii kan dhuunfaa keessanii akkasumas dhaabbata adda addaatif marsariitii ijaaruudhan madda galii isiniif ta’uu danda’a. odeeffannoo dabalataaf.

Intarneetii irra marsariitiwwan tolaan Programming barsiisan baay’etu jiru. irra caalli isaanii garuu, kaffaltiidhaan.

Marsariitiwwan tolaan Programming barsiisan irratti namni fedhii Programming barachuu qabu kamiyyuu karoora baasuu fi yeroo fudhachuudhan barachuu danda’a.

Marsariitiwwan Tolaan Programming Barsiisan Isaan Kami?

Yaadadhu: fedhii fi yeroo akka barbaadu!

Programming Eenyutu ykn Namoota Akkamiitu Barachuu Qaba?

Namni fedhii Programming barachuu qabu kamiyyuu barachuu danda’a. jechuunis, namni fiildii IT keessa hin jirre ykn Department ykn Course wwan IT dhan wal-qabatan hin baranne ykn hin fudhanne  kamiyyuu.

Programming Barachuun Bu’aa Maal Qaba?

Namni kamiyyuu fedhii qofaan Programming barachuudhan hojiiwwan adda addaa hojjachuu danda’a. keessattuu namoonni Programming barachuudhaf fedhii guddaa qaban, yeroo gabaabaa keessatti Programming baruudhaf carraa bal’aa qabu, yeroo muraasa booda, haalli Programming sirriitti erga isaanif galee booda, dandeetti isaanii caalatti cimsachuudhan hojiiwwan gurguddaa namoonni fiildii IT keessatti muuxannoo qaban hojjatan heedduu ofii isaanitiin intarneetii irratti qorannoo adeemsisuun Programming of-barsiisun hojiiwwan adda addaa hojjachuu danda’u. fakkeenyaf: hojiiwwan Onlinehojiiwwan qacarrii akkasumas yaada hojii haaraa maddisiisun hojii uumunillee ni danda’ama. sababni isaas namoonni baay’en intarneetii irratti ofii isaanitiin Programming of-barsiisun fiildii IT keessatti hojiiwwan adda addaa kan hojjachaa jiran heeddutu jiru. odeeffannoo dabalataaf.

What Is a Programming Language?

Introduction

In today’s world of technology, the term Programming Language is one you’ve probably heard many times. But what exactly does it mean? What is Programming, and what kind of skills does a Programmer have? Let’s explore these questions step by step and understand why learning programming has become one of the most important digital skills of the 21st century.

What Is a Programming Language?

A Programming Language is a set of rules and instructions that we use to communicate with computers. In simple terms, it’s the way we tell a computer what to do.
The structure or rules that define how commands are written are known as Syntax.

Anyone who understands and applies these rules correctly – giving computers instructions that make them perform specific tasks, create websites, or build software – is called a Programmer.
The process of writing these instructions (called code) is what we call Programming.

Types of Programming Languages

Programming languages are mainly divided into two broad categories:

  1. High-Level Programming Languages.
  2. Low-Level Programming Languages.

Most modern technologies and large companies use High-Level Languages because they are easy to read, learn, and write, closer to human language.

High-Level Programming Languages

High-level languages are divided into two major paradigms:

1. Imperative Programming Paradigm – which includes:

  • Object-Oriented
  • Procedural
  • Parallel Processing Approaches

2, Declarative Programming Paradigm – which includes:

  • Functional
  • Logic
  • Database Processing Approaches

These languages are written in English-like syntax and can be learned easily by anyone, even beginners.

Common High-Level Programming Languages

Some of the most popular high-level programming languages are:

  • JavaScript
  • Python
  • Java
  • C
  • C#
  • C++
  • PHP
  • SQL
  • Swift

Low-Level Programming Languages

Low-level programming languages work closer to the computer’s hardware. They are written in binary code (0s and 1s), which makes them very powerful but also difficult to read and write.

There are two main types:

  1. Machine Language (Machine Code) – written entirely in 0s and 1s.
  2. Assembly Language – a bit easier to understand, but still complex and not beginner-friendly.
    Assembly code uses mnemonics, short abbreviations that represent machine instructions.

Which Programming Language Should You Learn First?

If you’re a beginner, it’s always recommended to start with High-Level Programming Languages because they are easier to understand.
Most programmers suggest starting with Python, as it has simple syntax and can be learned quickly. After that, you can move to languages like C++, Java, or JavaScript.

Which Language Fits Your Goals?

Before you start, ask yourself: “What do I want to build or develop?” Once you know your goal, you can choose the right programming language.

Goal Recommended Languages
Website development HTML, CSS, JavaScript, PHP, MySQL
Mobile app (Android) Java, Kotlin
Mobile app (iPhone) Swift, Objective-C
Desktop software Java, C++, Python, C#

Free Websites to Learn Programming

You can start learning programming for free using online resources. Some trusted websites include:

  1. w3schools.com
  2. sololearn.com
  3. freecodecamp.org
  4. codecademy.com

These platforms provide tutorials, examples, and exercises – perfect for beginners.

Who Can Learn Programming?

Anyone can learn programming – not just IT or computer science students.
All you need is interest, consistency, and curiosity.
Even people from non-technical backgrounds can learn coding and build apps, websites, or tools that solve real-world problems.

Benefits of Learning Programming

Learning programming opens up countless opportunities:

  • You can work online as a freelancer.
  • You can get remote or full-time tech jobs.
  • You can build your own projects or startups.
  • You can earn money online through apps, websites, or digital services.

In short, programming helps you create solutions, earn income, and become digitally independent.

Conclusion

Programming is not just a technical skill – it’s a creative tool that allows you to turn ideas into reality. Whether you dream of building your own website, mobile app, or starting a tech career, learning programming is the first step.
Start simple, stay consistent, and explore step by step. The digital world is full of opportunities – and programming is your key to unlock them. Start with HTML, CSS, and Python – and let your creativity lead the way!

Hardware vs Software

Haardiweerii Kompiitaraa Jechuun Maal Jechuudha?

Computer hardware jechuun qaamota kompiitaraa harkaan qaqqabamuu danda’an ykn fiizikaal ta’anidha.

Hardware kompiitaraa bakka 2 tti qoodama. isaanis qaamota Kompiitaraa gara keessatiin jiran ykn Internal Parts of Computer fi kan gara alaan jiran ykn External Parts of Computer jedhamuun beekamu. qaamonni Kompiitaraa gara keessatiin jiran “Components” jedhamuun yemmuu waamaman, kan gara alaan jiran immoo “Peripherals” jedhamuun waamamu.

Gosoonni Hardware Kompiitaraa Gara Keessan Jiran Isaan Kami?

Gosoonni hardware Kompiitaraa gara keessan jiran ykn Internal Parts ykn Components jedhamuun beekaman: Motherboard, CPU (Central Processing Unit), HDD (Hard Disk Drive), RAM (Random Access Memory), GPU (Graphics Processing Unit), Heat Sink, Power Supply fi kkf dha.

Gosoonni Hardware Kompiitaraa Gara Alaan Jiran Isaan Kami?

Gosoonni hardware Kompiitaraa gara alaan jiran ykn External Parts ykn Peripherals jedhamuun beekaman: Monitor, Keyboard, Mouse, Printer, Scanner, Speaker fi kan kana fakkaatanidha.

Gosoonni hardware Kompiitaraa gara alaan jiran ykn External Parts ykn Peripherals, “Input & Output Peripheral Devices” jedhamuun bakka 2 tti qoodamu. “Input Peripherals” jechuun qaamota Kompiitaraa Data ykn Information gara Kompiitaraatti galchuuf kan nu gargaaran yemmuu ta’an, “Output Peripherals” kan jedhaman immoo qaamota Kompiitaraa Data ykn Information Kompiitara keessaa gara alaatti baasuf ykn mul’isuuf kan nu gargaaranidha.

Input Peripherals – Data ykn Information gara Kompiitaraatti galchuuf kan nu gargaaran: Keyboard, Mouse, Microphone, Scanner fi kan kana fakkaatan.

Output Peripherals – Data ykn Information Kompiitara irraa gara alaatti baasuf ykn mul’isuuf kan nu gargaaran: Monitor, Speaker, Printer fi kan kana fakkatan. odeeffannoo dabalataaf.

Software Jechuun Maal Jechuudha?

Software jechuun walitti qabama ykn garee Program yemmuu ta’u, Program jechuun immoo walitti qabama ykn garee Instruction ti. Software’wwan harkaan qaqqabamuu hin dandeenye fi Device’wwan akka Kompiitara, Bilbila, TV ammayyaawa ykn Smart TV, Sa’aatii Harkaa ammayyaawa ykn Smart Watch fi kkf irratti fe’amuun akka isaan faayidaa qabaatan kan taasisudha. Device’wwan kanneen Software malee waan tokko bu’aa nuuf buusuu hin danda’an.

Software’n bakka 2 tti qoodama, isaanis: system software fi application software jedhamuun beekamu.

Kompiitarri tokko Kompiitara jedhamuuf hardware fi software qabaachun dirqama. itti aansee Kompiitarri tokko bu’aa akka nuu kennuuf ykn faayidaa akka qabaatuf application software qabaachuu qaba.

System Software Jechuun Maal Jechuudha?

System software ykn operating system jechuun akkuma hiika software walitti qabama ykn garee Program kan ta’e ykn Program’wwan baay’en wal-gargaarun ykn walitti dhufuun, kan ijaaramu ykn kan develop ta’u yemmuu ta’u, system software’n haala hojii hardware Kompiitaraa kan too’atu ykn hardware Kompiitaraa kan ajajuu fi Application Software’wwan adda addaa kompiitara irratti akka fe’amaniif akkasumas akka hojjataniif ykn run akka godhaniif kan gargaarudha. system software’n yeroo baay’ee kan ijaaramu ykn develop ta’u, dhaabbatootan yemmuu ta’u. system software’wwan Kompiitaraa ykn Operating System beekamoo ta’an keessaa muraasni:

  1. Microsoft Windows,
  2. macOS,
  3. Linux fi
  4. Unix dha.

Microsoft Windows, system software ykn Operating System kan dhaabbata Microsoft‘n ijaarame ykn develop ta’e yemmuu ta’u, macOS immoo kan dhaabbata Apple‘n ijaarame ykn develop ta’e dha, akkasumas Linux yeroo jalqabaaf nama Linus Torvalds jedhamuun kan ijaaarame ykn develop ta’e yemmuu ta’u, Unix immoo dhaabbata AT&T Corporation jedhamuun kan ijaaramedha ykn develop ta’e dha.

Gosoonni System Software Isaan Kami?

Gosoonni siistam sooftiweerii ykn Operating System Kompiitaraa beeekamoon:

  • Linux
  • Unix
  • Windows 95
  • Windows 98
  • Windows 2000
  • Windows XP
  • Windows 7
  • Windows 8
  • Windows 10
  • Windows 11
  • macOS fi kan kana fakkaatan.

Application Software Jechuun Maal Jechuudha?

Application Software jechuun software dhimma tokkoof ykn hojii tokkoof jedhamee diizayin ta’uun ijaaramu ykn develop ta’udha.

Gosoonni Application Software Isaan Kami?

Gosoonni application software beekamoon fi baay’en keenya kan itti dhimma baanu: Microsoft office, Adobe Photoshop, AutoCAD, Wordpad, Notepad, IDM (Internet Download Manager), VLC Media Player, Skype, Filmora fi kan kana fakkaatan.

Saartuuwwan keessaa kan akka: Google chrome, Safari, Opera, Mozilla Firefox, Microsoft Edge fi kan kana fakkaatan.

Anti-Virus adda addaa kan akka: Avast, AVG, McAfee fi kan kana fakkaatan akka fakkeenyatti fudhachuun ni danda’ama. odeeffannoo dabalataaf.

What Is Computer Hardware and Software?

Introduction

In the modern digital world, we use computers, smartphones, and other electronic devices daily. But have you ever wondered what makes these devices actually work?
Every digital device consists of two main parts: hardware and software.
To fully understand how a computer operates, you need to know what these two components are and how they work together. Let’s begin with hardware.

What Is Computer Hardware?

Computer hardware refers to the physical components of a computer – the parts you can touch and see.
These include everything from the keyboard and mouse to the motherboard and CPU inside your computer.

Hardware is divided into two main categories:

  1. Internal Hardware (Components)
  2. External Hardware (Peripherals)

Internal Hardware Components

Internal hardware (also called components) is parts found inside the computer case. They are responsible for the actual processing and storage of data.
Some of the key internal components include:

  • Motherboard – the main circuit board that connects all components.
  • CPU (Central Processing Unit) – the brain of the computer.
  • RAM (Random Access Memory) – temporary memory used while the computer is running.
  • HDD/SSD (Hard Disk Drive / Solid State Drive) – where data and files are stored.
  • GPU (Graphics Processing Unit) – responsible for graphics and visual processing.
  • Power Supply Unit – provides electricity to all parts.
  • Heat Sink or Fan – cools down the CPU and other components.

External Hardware Components (Peripherals)

External hardware (also called peripherals) is/are device connected outside the computer. They help us input, output, or store data.

Examples include:

  • Monitor
  • Keyboard
  • Mouse
  • Printer
  • Scanner
  • Speakers

Input and Output Devices

External peripherals are often divided into Input Devices and Output Devices:

Input Devices

These help us send data into the computer:

  • Keyboard
  • Mouse
  • Microphone
  • Scanner

Output Devices

These help the computer display or send information to us:

  • Monitor
  • Printer
  • Speaker

What Is Software?

Now that you understand hardware, let’s move to software – the invisible part of a computer that makes everything function.

Software is a collection of programs or instructions that tell the computer what to do.
Unlike hardware, you cannot touch software, but it plays a vital role in making devices useful.
Without software, devices like computers, smartphones, and smart TVs wouldn’t do anything.

Types of Software

Software is mainly divided into two types:

  1. System Software &
  2. Application Software.

To make a computer work properly, both are required.

What Is System Software?

System software (or Operating System) is the core program that manages all computer hardware and allows other software to run.
It acts as a bridge between the user and the hardware.

Common examples include:

  • Microsoft Windows
  • macOS
  • Linux
  • Unix

Each operating system performs essential functions like managing memory, controlling devices, and running applications.

Popular Versions of System Software:

  • Linux
  • Unix
  • Windows 95, 98, 2000, XP
  • Windows 7, 8, 10, 11
  • macOS

What Is Application Software?

Application Software refers to programs designed to perform specific tasks or solve particular problems.
These are the tools we use every day for work, entertainment, and communication.

Examples include:

  • Microsoft Office (Word, Excel, PowerPoint)
  • Adobe Photoshop
  • AutoCAD
  • VLC Media Player
  • Skype
  • Filmora
  • Google Chrome, Mozilla Firefox, Safari, Opera
  • Anti-Virus software like Avast, AVG, and McAfee

Relationship Between Hardware and Software

A computer cannot function with only one of them:

  • Hardware is like the body.
  • Software is like the brain.

They must work together – hardware provides the physical structure, while software gives it instructions and purpose.

Conclusion

In summary, hardware and software are the two essential parts that make computers and digital devices functional.
Hardware performs physical operations, while software provides instructions and controls how those operations are executed.

Understanding both is the foundation of computer literacy – and the first step for anyone interested in technology, IT, or programming.

Whether you’re learning computers for school, business, or a tech career, start by mastering the basics of hardware and software – they are the heart of every digital system.

Moosaajii Bilbilaa (Mobile Apps)

Moosaajii Bilbilaa Jechuun Maal Jechuudha?

Moosaajii Bilbilaa ykn Mobile App jechuun sooftiweeri ykn program akka Bilbila, Tablet fi Sa’aati harkaa ammayyaawa ykn Smart Watch dhaf ta’utti diizaayin ta’ee ijaaramudha. moosaajin Bilbilaa yeroo jalqabaaf sirriitti kan beekame, bara 1997 Bilbila Nokia 6110 jedhamu irratti yemmuu ta’u, innis moosaajii geemi “Snake” jedhamu ture. moosajin kun moosaaji Bilbilaa kan jalqabaa fakkaatus moosaaji kana dura moosaajiwwan kan biraa meeshaale ykn Device’wwan kan biroo irra turaniiru. haa ta’u malee moosaajin yeroo jalqabaaf sirriitti namoota heeddun beekame moosaajii geemii “Snake” jedhamu kana ture. gabaabumatti moosaajin yeroo jalqabaaf develop ta’e sirriitti adda ba’ee kan hin mirkaneeffamnedha.

Yeroo ammaa Siistem Sooftiweerin Bilbilaa beekamoon 2 tu jiru. isaanis Android fi IOS jedhamuun beekamu. Android fi IOS siistem sooftiweeri Bilbilaa beekamoo yemmuu ta’an, biyya keenya keessatti uummanni irra caalu Bilbila siistem sooftiweerin isaa Android ta’e fayyadama.

Android siistem sooftiweeri yeroo jalqabaaf nama Andy Rubin jedhamuun develop ta’e yemmuu ta’u, ammaan tana siistam sooftiweerin kun dhaabbata Google‘n kan suuphamu ykn Maintain kan ta’uu fi caalatti guddachaa kan jirudha. yeroo ammaa siistem sooftiweeri kana meeshaalee ykn Device’wwan akka TV ammayyaawa ykn Smart TV, Sa’aati harkaa ammayyaawa ykn Smart Watch fi kkf niif akka oolutti diizayin gochuun hojii irra oolchaa kan jiranidha.

Bilbilli Bilbila jedhamuuf akkuma kompiitaraa, haardiweeri fi sooftiweerii qabaachun dirqama, sooftiweerii yeroo jedhamu siistam sooftiweeri fi moosaaji of-jalatti qabata. keessattuu Bilbiloota ammayyaawa akka isaan sirriitti jaalataman kan godhe keessaa inni tokko moosaajiiwwan bilbilaa user apps jedhamanidha. amma June-2022 tti moosaajiwwan Bilbila Android, miliyoona 2.3 ta’an kuusaa moosaajiwwan Android ykn Google Play Store keessatti yemmuu argaman. moosaajiwwan IOS miliyoona 2 ta’antu kuusaa moosaaji Aappil ykn Apple App Store keessatti argamu jedha qorannoon marsariitii statista.com.

Moosaajiwwan miiliyoonatti lakkaa’aman kun hundi kan uumamaniif, gaaffiwwan ykn rakkoowwan miliyoonatti lakkaa’amaniif furmaata ta’uuf ykn deebii kennuuf yemmuu ta’an, jalqaba Bilbilli keenya moosaajiwwan kan dhuunfaa isaa siistem sooftiweeri waliin kan walitti hidhaman ykn integrate ta’an qofatu irra jiraata. isaanis System Apps jedhamuun beekamu. moosaajiwwan System Apps jedhaman bilbila keenya irraa balleessuu ykn uninstall gochuu hin dandeenyu, garuu disable gochuun ni danda’ma. moosaajiwwan System Apps jedhaman qofti garuu gaaffiiwwan keenya heedduu ykn waan barbaanne hunda nuuf kennuu hin danda’an, kanaaf moosaajiwwan kan biraa kuusaa moosaajiwwanii keessaa buufachuun nu irraa eegama. moosaajiwwan kunis Non-System Apps ykn Third Party Apps ykn User Apps jedhamuun beekamu.

Moosaajiwwan ykn User Apps Bilbila Android Baay’ee Nama Fayyadan Isaan Kami?

Moosaajiwwan ykn User Apps Bilbila Android jiruu fi jireenya guyyaa guyyaan keenyaa keessatti itti dhimma ba’uu dandeenyu baay’etu jiru. fknf: moosaajiwwan bara 2022 baay’ee filatamoo fi jaalatamoo ta’an keessaa muraasni:

  • Bilbila keenya vaayirasii irraa ittisuuf: Bitdefender Mobile Security.
  • Bilbila keenya yoo ganne ykn nu jalaa bade, bakka ykn iddoo itti ganne beekuf: Find My Device.
  • Hojiidhaf toora intarneeti irratti yeroo Apply goonu dookimantiwwan ykn CV ittiin erguuf: Gmail.
  • Magaala ykn biyya barbaanne keessatti bakka ykn iddoowwan deemuu barbaanne akka salphatti beekuf ykn argachuuf: Google Map.
  • Faayila baay’ee barbaachisaa ta’e akka tasaa Bilbila keenya irraa yoo balleessine ykn bade, deebisnee argachuuf: Dumpster.
  • Suuraa gulaalu fi giraafiksii kamiyyuu hojjachuuf: Adobe Apps.
  • Viidiyoo gulaaluf: KineMaster.
  • Faayila ittiin walii erguuf, faayila Bilbila keenya irra jiru hunda too’achuuf,  meeshaale ykn Device’wwan kan biroo waliin iskiriini waliin qooduf ykn share gochuuf: Airdroid.
  • Bilbila keenyan dookimantii keenya scan gochuuf ykn dookimantii keeenya hard copy irra gara soft copy tti jijjiiruf: Camscanner.
  • Bilbila keenya sagalee qofaan ajajuuf ykn sagalee qofaan gaaffi barbaanne kamiyuu gaafachuuf: Google Assistant.
  • Dookimantiiwwan baay’e barbaachisoo ta’an keessatti kuufachuuf, Google Drive.
  • Baarreeffama afaan ykn qooqa nuti hin beeknen barreeffame gara afaan ykn qooqa nuti beeknutti akka nuu hiikuf ykn jijjiiruf: Google Translate.
  • Dookimantiiwwan adda addaa Bilbila keenya irratti uumuf (create) ykn kan uumame (create) ta’e fayyadamuuf: Microsoft office.
  • Muuziqaa dhaggeeffachuuf, sagalee ykn audio gulaaluf, meeshaale ykn Device’wwan kan biroo waliin wal-simee muuziqaa akka taphatu gochuuf, viidiyoo ittiin taphachiisuf: Music Player fi kan kana fakkatan moosaajiwwan heeddun nu fayyaduu danda’an baay’etu jiru.

Moosaajiwwan armaan olii waan heedduf nu gargaaru danda’u. kanaaf  kuusaa moosaajiwwan Android ykn Google Play Store keessaa buufachuun, jiruu fi jireenya keenyaa guyyaa guyyaan keessatti itti dhimma ba’uun, wantoota heeddu akka nuuf salphisan gochuun ni danda’ama.

What Is a Mobile Application?

Introduction

In today’s digital era, mobile applications – commonly called mobile apps – have become an essential part of our daily lives. From communication and entertainment to work and learning, almost everything we do involves mobile apps. But what exactly are mobile applications, and how did they begin?

Meaning of Mobile Application

A Mobile Application (Mobile App) is software or a program designed specifically for mobile devices such as smartphones, tablets, and smartwatches. The first mobile app that became widely recognized appeared in 1997 on the Nokia 6110 phone – the famous “Snake” game.
Although there were some earlier forms of software on other devices, “Snake” was the first mobile app that gained mass popularity. However, the very first officially recognized mobile app is still debated among developers and historians.

Mobile Operating Systems

Currently, there are two major mobile operating systems in use worldwide:

  1. Android
  2. iOS

In Ethiopia, and in many parts of the world, most people use Android-based smartphones.

The Android operating system was initially developed by Andy Rubin, and today it is maintained and continuously improved by Google. Android is now used not only on smartphones but also on Smart TVs, Smart Watches, and other smart devices.

System Apps vs. User Apps

Like a computer, every smartphone must have both hardware and software to function properly. Within software, we find two types: system software and applications (apps).

System apps are those that come pre-installed with the phone and are essential for its basic functions. These are called System Apps and cannot usually be deleted, though they can be disabled.

However, to meet user needs and provide additional functionality, there are countless Non-System Apps (also called User Apps or Third-Party Apps) that can be downloaded from app stores like Google Play Store or Apple App Store.

Statistics

As of June 2022, there were approximately:

  • 2.3 million Android apps available on the Google Play Store
  • 2 million iOS apps available on the Apple App Store
    (Source: Statista.com)

These apps are developed to solve millions of problems or provide answers to users’ daily needs.

Most Useful Android Apps

Here are some of the most useful and popular Android apps that many people rely on every day:

  • Bitdefender Mobile Security – Protects your phone from viruses and malware.
  • Find My Device – Helps locate your lost or stolen phone.
  • Gmail – For sending documents, applications, and work-related emails.
  • Google Maps – For navigation and finding places easily.
  • Dumpster – Restores accidentally deleted files.
  • Adobe Apps – For photo editing and graphic design.
  • KineMaster – For video editing.
  • AirDroid – For transferring files and sharing screens between devices.
  • CamScanner – For scanning documents using your phone’s camera.
  • Google Assistant – For voice commands and hands-free search.
  • Google Drive – For storing important documents securely in the cloud.
  • Google Translate – For translating text between different languages.
  • Microsoft Office – For creating and editing documents, spreadsheets, and presentations.
  • Music Player – For listening to music, editing audio, and managing playlists.

These apps make everyday tasks much easier and more productive.

Conclusion

Mobile applications have revolutionized the way we live, work, and communicate. From simple games like Snake in 1997 to millions of complex and powerful apps today, mobile technology continues to grow rapidly. By downloading useful apps from trusted sources such as the Google Play Store, users can simplify their daily lives, stay organized, and remain connected in the modern digital world.

Qabiyyee Marsariitii Kanaa, Copy Gochuun Dhorkaadha!