Blog

Koodii Bilbila Samsung (Samsung Secret Codes)

Koodii Bilbila Samsung

Namoonni baay’een bilbila Samsung fayyadaman hedduu isaanii hin beekan bilbiloonni isaanii koodii iccitii hedduun kan keessa jiraniidha – koodiiwwan gabaabaa kanneen bilbila irratti barreessan, odeeffannoo tajaajila iccitii (diagnostic tools), system information fi menuwwan tajaajila addaa (service menus) bana.

Koodiin kunneen Android OS fi Samsung One UI keessa kan jiran yoo ta’u, namoonni kanneen fayyadamuun viidiyoo, network, firmware fi hardware bilbilaa isaanii sirnaan qorachuu danda’u.

Haa ta’u malee, koodiiwwan hunda fayyadamtoota hundaaf miti. Koodiin tokko tokko data guutuu bilbilaa keessaa haqachuu danda’a. Kanaaf, beekumsa gahaa qabaachuun, koodii sirrii beekuun fi yeroo barbaachisaa ta’e qofa itti fayyadamuun barbaachisaadha.

Barruun kana keessatti waa’ee koodii iccitii Samsung – maal akka ta’an, akkamitti akka itti fayyadamtu fi koodiiwwan yeroo ammaa (2025) tajaajilaa fi nageenya qaban maal akka ta’an ni ibsina.

Koodin Bilbila Samsung Maalidha?

Koodiin iccitii Samsung (Samsung Secret Codes) ykn Service Codes / USSD Codes jechuun, koodii gabaabaa kan akka *#06# ykn #0# ta’anidha. Yoo bilbila kee irratti barreessite, yeroo sanuma irratti tajaajila iccitii tokko ykn odeeffannoo tokko siif agarsiisa.

Koodiin kunneen system Android keessa dursee galfamanidha. Koodiin tokko tokko addunyaa guututti (universal) kan tajaajilan yoo ta’an, kan biraa immoo Samsung qofaaf kan hojjetaniidha.

Fakkeenyaaf:

  • *#06# barreessuun IMEI fi serial number siif agarsiisa.
  • #0# barreessuun tajaajila qorannoo hardware Samsung (display, sensors, camera, vibration, speaker, fi kan kana fakkaatan) banuu danda’a.

Hubachiisa: Koodii hunda bilbila hunda irratti hin hojjatu. Carrierri (akkuma Verizon, AT&T, fi kan kana fakkaatan) tokko tokko koodii muraasa cufuu danda’a, akkasumas version One UI haaraan tokko tokko ni haqu.

Itti Fayyadamuun Dura Wantoota Barbaachisan

Koodii Samsung fayyadamuun dura wantoota armaan gadii yaadadhu:

  1. Daataa kee dursa backup godhi.
    Koodiin tokko tokko factory reset ykn data guutuu haquu danda’a. Backup godhuun sirrii dha.

  2. Madda amansiisaa qofa fayyadami.
    Marsariitiiwwan amanamoo miti irraa koodii waraabuu dhiisi. Koodiin dogoggoraan system kee jijjiiru danda’a.

  3. Koodii reset godhan beeki.
    Yoo yaada gahaa hin qabne, koodii data haqu danda’u hin fayyadamin.

  4. Model bilbilaa kee ilaali.
    Koodiin Galaxy S23 irratti hojjatu, Galaxy A14 irratti hin hojjatu ta’uu danda’a.

  5. Yoo shakkiin si muudate, back jedhii deebi’i ykn ba’i.
    Menuun yoo baname garuu maal gochuu akka hin beekne yoo ta’e, back tuqi ykn bilbila deebisi.

Koodiiwwan Bilbila Samsung Yeroo Baay’ee Hojii Irra Oolan

1. Odeeffannoo Bilbila (Device Information):

  • *#06#: IMEI fi serial number agarsiisa.
  • *#1234#: Firmware version agarsiisa.
  • #12580369#: Odeeffannoo software fi hardware agarsiisa.

Koodiiwwan kunneen hundi tajaajilaa fi nageenya qabu.

2. Qorannoo Hardware fi Diagnostic Tools:

  • #0#: Menuu qorannoo hardware banuu danda’a (display, sensors, camera, speaker, vibration).
  • *#2664#: Touchscreen test.
  • *#0588#: Proximity sensor test.
  • *#0842#: Qorannoo vibration fi backlight.
  • *#0673# ykn *#0289#: Audio test.

Koodiiwwan kunneen hardware bilbilaa kee sirnaan hojjetaa jira moo miti akka ilaalan si gargaara.

3. Network fi Connectivity:

  • *#232338#: Wi-Fi MAC address agarsiisa.
  • *#232339#: WLAN test mode.
  • *#232331#: Bluetooth test mode.

Bilbilli  keessan Wi-Fi ykn Bluetooth hin hojjatu yoo ta’e koodiiwwan armaan oliitin check gochuu dandeessu.

4. System fi Software Information:

  • ##197328640##: Service Mode banuu danda’a (network fi technical menus).
  • *#0228#: Odeeffannoo battrii fi voltage agarsiisa.

Battriin kee dadhabaa jira moo hin jirre beekuu ni dandeessa. Service Mode immoo tajaajila tajaajiltoota teknikaaaf oola.

5. Koodiiwwan Bilbila Reset Godhan – Of Eeggannoon Itti Fayyadami:

  • ##7780##: Soft reset – app fi Google account haqa, suuraa fi viidiyoo ni hambisa.
  • 27673855#: Full factory reset – daataa guutuu haqa, deebi’aa hin gaafatu.

Of-eeggannoo! Koodiiwwan armaan olii data bilbilaa keessanii hunda isin jalaa haquu ykn balleessuu danda’u waan ta’eef dursa data keessan backup godhaa.

Koodiiwwan Muraasni Maalif Hin Hojjanne?

Sababoonni gurguddoon:

  • Update software: One UI haaraan koodii durii ni haqaa.
  • Carrier: Bilbiloonni Verizon, AT&T fi kkf koodii muraasa cufu.
  • Model garaagaraa: Koodiin tokko tokko model adda addaa qofaaf.
  • Security updates: Samsung yeroo tokko tokko koodii nageenyaaf cufa.

Haala Itti Fayyadama Koodiiwwan Bilbila Samsung

  1. Moosaajii ittiin bilbilan banuu.
  2. Koodii sirritti barreessuu.
  3. Yoo menuun bane, maal akka jedhu dubbisuu.
  4. Yoo shakkiin jiraate, back tuquudhan gara duubatti deebi’uu.
Koodii Hojii Nageenya
*#06# IMEI fi Serial Number Rakkoo Hin Qabu
#0# Hardware Test Rakkoo Hin Qabu
*#1234# Firmware Version Rakkoo Hin Qabu
#12580369# SW/HW Info Rakkoo Hin Qabu
*#232338# Wi-Fi MAC Address Rakkoo Hin Qabu
##7780## Soft Reset Rakkoo Qabaachuu Danda’a
27673855# Full Factory Reset Rakkoo Qabaachuu Danda’a

Koodiin iccitii Samsung, meeshaalee qorannoo fi tajaajila gargaaraa ta’anidha. Koodiin kunneen odeeffannoo bilbilaa kee, battrii, network fi hardware adda addaa ilaaluun rakkoo salphatti furuu si dandeessisa.

Garuu, akka itti fayyadamtutti of eeggannoo barbaachisaadha. Koodiin tokko tokko data kee hunda balleessu danda’a. Kanaaf, yeroo hunda backup godhi fi koodii sirrii qofa fayyadami.

Yoo sirnaan itti fayyadame, Samsung Secret Codes siif meeshaa cimaa ta’a – bilbila kee qorachuuf, sirreeffachuuf fi haala isaa addaan baafachuuf. Akkasumas, beekumsa dabalataa argachuuf koodiiwwan tajaajilaa qofa itti fayyadami.

Samsung Secret Codes

Introduction

Most Samsung users never realize that their smartphones come with dozens of hidden secret codes – small dialer commands that unlock diagnostic tools, system information, and advanced service menus. These secret codes are part of the Android operating system and Samsung’s customized One UI interface.

By typing these short character combinations (like *#06# or #0#) into the phone’s dialer app, users can quickly access hardware tests, network details, and software data without using any third-party app. These codes are especially useful for technicians, advanced users, or anyone who wants to check their phone’s condition or troubleshoot issues.

However, not every code is meant for everyday use. Some codes can reset or completely wipe your device’s data. That’s why it’s important to know which codes are safe, which are risky, and how to use them properly. This post explains everything you need to know about Samsung secret codes — what they are, how they work, and a list of the most useful ones for 2025.

What Are Samsung Secret Codes?

Samsung secret codes, also called service codes or USSD codes, are a set of short commands built into Android firmware. They typically start with an asterisk (*) and a hash (#), followed by a number sequence, and end with another hash.

When you enter a secret code into your phone’s dialer, it instantly triggers a hidden function – such as displaying your IMEI number, checking hardware performance, or opening engineering and service menus used by technicians.

These codes are pre-programmed into the system and don’t require internet access. Some are universal Android codes, while others are specific to Samsung’s One UI software.

Example:

  • Typing *#06# instantly displays your phone’s IMEI and serial number.
  • Typing #0# opens Samsung’s internal test mode where you can check your screen, sensors, speaker, and more.

Note: Not every code works on all Samsung models. Some are disabled by certain carriers (like Verizon or AT&T), while others may no longer function after a software update.

Safety Tips Before Using Samsung Codes

Before you start experimenting with secret codes, keep the following safety guidelines in mind:

  1. Always back up your data first.
    Some codes can factory reset your phone or erase all files. Creating a backup ensures you don’t lose important information.

  2. Use only trusted sources.
    Avoid downloading random code lists from unreliable websites or social media. Some may include dangerous codes that alter system files.

  3. Be cautious with reset codes.
    Only use reset or wipe commands when absolutely necessary, and always understand what the code does before pressing “OK.”

  4. Check compatibility.
    A code that works on a Galaxy S23 might not work on a Galaxy A14 or M14. Always verify before using.

  5. Exit safely.
    If a test menu opens and you’re unsure what to do, use the back button or simply restart your device.

Useful & Safe Samsung Secret Codes

Below are the most commonly used and safe Samsung secret codes for diagnostics, software information, and network checks.

1. Device Information & Identifiers:

  • *#06#: Displays IMEI, MEID, and serial number.
  • *#1234#: Shows firmware version (AP, CP, CSC).
  • #12580369#: Displays detailed software and hardware information.

These are completely safe and useful for checking your device’s identity or verifying firmware versions after an update.

2. Diagnostic & Hardware Tests:

  • #0#: Opens Samsung’s full hardware test menu (screen, vibration, sensors, speaker, camera, etc.).
  • *#2664#: Touchscreen test.
  • *#0588#: Proximity sensor test.
  • *#0842#: Vibration and backlight test.
  • *#0673# or *#0289#: Audio test.

These tests help you check if your phone’s hardware components are working properly. For example, you can test your display for dead pixels or check if your proximity sensor functions correctly during calls.

3. Network & Connectivity:

  • *#232338#: Shows Wi-Fi MAC address.
  • *#232339#: WLAN test mode.
  • *#232331#: Bluetooth test mode.

These are helpful if you’re troubleshooting connection problems with Wi-Fi or Bluetooth, or if your phone isn’t pairing correctly with another device.

4. System & Software Information:

  • ##197328640##: Opens Service Mode (advanced technical menu for network engineers).
  • *#0228#: Displays battery status, voltage, and capacity.

The battery information code can help determine if your battery is aging or discharging unusually fast. The Service Mode menu is more advanced, used mainly for testing network performance and signal quality.

5. Factory Reset / Risky Codes (Use with Caution):

  • ##7780##: Performs a soft factory reset — removes Google accounts and installed apps but may keep media files.
  • 27673855#: Executes a full factory reset — wipes all data permanently (no confirmation on older models).

Warning: These codes can completely erase your phone’s memory. Use them only if you intend to reset your phone and have already backed up your files.

Why Some Codes Don’t Work

It’s common for users to find that certain codes no longer function. This can happen for several reasons:

  • Software updates: New versions of Samsung’s One UI may block or change older codes.
  • Carrier restrictions: Phones from specific carriers (Verizon, AT&T, T-Mobile, etc.) often disable service menus.
  • Model differences: Some codes are designed for specific chipsets or phone families (like Galaxy S, A, or M series).
  • Security patches: To prevent misuse, Samsung occasionally disables deep diagnostic menus in security updates.

How to Safely Try a Samsung Code

  1. Open your Phone (Dialer) app.
  2. Type the code exactly as written (no spaces or extra characters).
  3. Wait a few seconds. If a menu appears, read it carefully before tapping anything.
  4. If unsure, simply exit using the back button – do not confirm resets or changes.
Code Function Safety
*#06# Show IMEI / Serial Number Safe
#0# Hardware Test Menu Safe
*#1234# Firmware Version Safe
#12580369# Software & Hardware Info Safe
*#232338# Wi-Fi MAC Address Safe
##7780## Soft Factory Reset Risky
27673855# Full Factory Reset Dangerous

Conclusion

Samsung secret codes are powerful diagnostic tools hidden within your Galaxy smartphone. They can help you identify software versions, test hardware performance, check battery health, and troubleshoot connectivity issues – all without needing any third-party apps.

However, with great power comes great responsibility. Some codes, especially reset commands, can erase everything on your phone instantly. Always double-check the function of a code before using it and back up your important data regularly.

By understanding how to use these secret codes safely, you can unlock deeper control over your device, keep it in top condition, and even solve problems that might otherwise require a technician. Just remember – when in doubt, stay on the safe side and avoid any code you’re not sure about.

Virtual Reality – Augmented Reality – Mixed Reality

Virtual Reality (VR) Jechuun Maal Jechuudha?

Virtual Reality ykn VR jechuun guutumaa guututti adunyaa dijitaalaa yemmuu ta’u, adunyaan dijitaalaa kunis kan inni create ta’u ykn uumamu software dhaani. akkasumas namoonni yeroo teeknoloojii kana fayyadaman guutumaa guututti akka isaan adunyaa dijitalaa akka adunyaa fiizikaalatti fudhatan ykn yaadan teeknoloojii taasisuu danda’udha.

Faayidaa Virtual Reality (VR)

VR ykn Virtual Reality’n fiildiiwwan akka barnoota fi leenjii (Education & Training), fayyaa (Healthcare), bashannanaaf (Entertainment and Gaming) fi kan kana fakkaatan keessatti sirriitti hojii irra oola.

Fakkeenyaf barnoota keessatti, barattoonni baruumsa history yeroo baratan iddoowwan seena qabeessa gurguddaa adunyaa kitaaba history irra jiran, barattoonni kanneen VR Headset godhachuudhan daree keessa taa’anii akka waan bakka sanatti argamaniitti experience gochuudhan barachuu danda’u, akkasumas baruumsa fiiziksii yeroo baratan VR Headset dhaan pilaaneetiiwwan ilaalaa osoo baratanii caalatti barattoonni baruumsa akka jaalatanii fi haalli baruu fi barsiisuu akka hawwataa ta’u taasisa.

Kana malees VR ykn Virtual Reality’n fiildii fayyaa keessatti barattoonni fayyaa, yaala baqaqsanii yaaluu ykn surgery, VR Headset godhachuudhan akka waan qaama namaa baqaqsanii yaalaniitti teeknoloojii kanaan yaala baqaqsanii yaaluu akka shaakalan isaan gargaara.

VR ykn Virtual Reality’n bashannana ykn entertainment keessattis iddoo guddaa qaba. fakkeenyaf namoonni geemii taphachuu jaalatan ykn fiilmii ilaaluu jaalatan akka isaan geemii ykn fiilmii sana keessatti hirmataniitti akka itti dhaga’amu ykn yaadan taasisuudhan, yeroo ammaa fiildii entertainment keessatti teeknoloojin kun galii guddaa argamsiisaa kan jirudha. fakkeenyawwan teeknoloojii VR ykn Virtual Reality: Apple Vision Pro, Meta Quest Pro, Meta Quest 3, Playstation VR 2, HTC Vive Pro 2, Valve Index, HP Reverb G2 fi kan kana fakkaatan. odeeffannoo dabalataaf.

Augmented Reality (AR) Jechuun Maal Jechuudha?

AR ykn Augmented Reality jechuun adunyaa dijitaalaa, adunyaa fiizikaalaa irratti dabaluu ykn integrate gochuu jechuudha.

Faayidaa Augmented Reality (AR)

Faayidaawwan teeknoloojii kanaa heedduu yemmuu ta’an, isaan keessaa muraasni: fiildiiwwan akka Architecture, Interrior Design, Automotive, Computer Vision, Gaming, Social Media fi kkf keessatti sirriitti hojii irra oola.

Fakkeenyaf gamoon tokko ijaaramuu isaatin dura gamoon sun ijaaramee osoo xumuuramee lafa irratti maal fakkaachuu danda’a kan jedhu ilaaluf ni gargaara. akkasumas gamoon ijaaramuuf jedhu sun rakkoo design yoo qabaate gara ijaarsatti osoo hin deemin dura furmaata laachuuf ykn furmaanni akka barbaadamuuf teeknoloojin kun gargaarsa guddaa taasisa, kana malees mana tokko interroir design isaa jijjiiruf ykn haaraa hojjachuuf jalqaba meeshaalee barbaachisan bituun dura manni sun erga design ta’ee xumuuramee booda maal fakkaachuu danda’a kan jedhu ilaaluf akkasumas design mana sanaaf qophaa’e hanqina yoo qabaate ykn guutumaa guututti design mana sanaaf qophaa’e mana sana waliin hin deemu yoo ta’e, osoo gara hojiitti hin seenin dura design jijjiiruuf teeknoloojin kun gargaarsa guddaa taasisa. akkasumas AR ykn Augmented Reality’n miidiyaalen hawaasaa caalatti hawwataa akka ta’an taasisa. fakkeenyawwan teeknoloojii AR ykn Augmented Reality: Google Glass, Snapchat, Pokemon Go fi kan kana fakkaatan. odeeffannoo dabalataaf.

Mixed Reality (MR) Jechuun Maal Jechuudha?

MR ykn Mixed Reality jechuun wal-makaa VR fi AR ti. ykn VR fi AR yemmuu combine ta’an MR jedhama. jecha kan biraatin MR ykn Mixed Reality jechuun wal-makaa adunyaa fiizikaalaa fi adunyaa dijitaalaa jechuudha. yeroo Headset MR Godhattan adunyaa fiizikaalaas ni argitu akkasumas adunyaa dijitaalas ni argitu kana malees adunyaa fiizikaalaa irratti object’waan dijitaala mul’atan sana waliin interact gochuun isin dandeessisa. fakkeenyawwan teeknoloojii MR ykn Mixed Reality: Microsoft HoloLens, Magic Leap, Nreal Light, Lenovo ThinkReality A3 fi kan kana fakkaatan. odeeffannoo dabalataaf.

Garaagarummaan VR, AR fi MR Maalidha?

VR ykn Virtual Reality’n guutumaa guututti adunyaa dijitaalaa waliin interact gochuu nama dandeessisa. kana jechuun yeroo Headset VR godhattan guutumaa guututti adunyaa dijitaalaa ykn environment dijitaalaa qofa waliin interact gootu. fakkeenyaf VR Headset godhachuudhan pilaaneetii Mars irra deemuu dandeessu ykn mana keessan teessanii akka nama xiyyaara keessa jiruutti experience gochuu dandeessu.  AR ykn Augmented Reality’n immoo adunyaa fiizikaalaa irratti content’wwan ykn object’wwan dijitaalaa dabaluudha, kana jechuun fakkeenyaf AR Headset dhaan fuula harka keessanii yeroo ilaaltan fuulli harka keessanii sarara meeqa akka qabu yoo isinitti hime ykn sararoota fuula harka keessanii irra jiran yoo isinitti agarsiise inni kun AR ykn Augmented Reality jedhama. yeroo Headset AR godhattan adunyaa fiizikaalas, content’wwan ykn object’wwan dijitaalas ni argitu haa ta’u malee content’waan ykn object’wwan dijitaala sana waliin interact gochuu hin dandeessan. kana jechuun odeeffannoo isiniif dhiyaate ykn object dijitaalaa sana ilaaluu qofa dandeessu. MR ykn Mixed Reality’n immoo yeroo MR Headset godhattan adunyaa fiizikaalas, content’wwan ykn object’waan dijitaalas ni argitu akkasumas content’wwan ykn object’wwan dijitaalaa sana waliin interact gochuu ni dandeessu.

What Are Virtual Reality (VR), Augmented Reality (AR), and Mixed Reality (MR)?

Introduction

Technology is advancing faster than ever, and among the most fascinating innovations are Virtual Reality (VR), Augmented Reality (AR), and Mixed Reality (MR).
These technologies are transforming how we interact with digital environments – blending real-world experiences with virtual worlds.

From entertainment and education to healthcare, construction, and social media, VR, AR, and MR are reshaping our daily lives.
In this blog post, we’ll explore what each of these technologies means, how they work, and what makes them different from one another.

What Is Virtual Reality (VR)?

Virtual Reality (VR) is a fully computer-generated digital world that immerses users into a simulated environment, completely separate from the real world.
Using a VR headset, users can see, move, and interact as if they are physically present inside the virtual environment.

For instance, VR can make you feel like you’re flying an airplane, walking on Mars, or visiting a historical site – all from your living room.

Benefits of Virtual Reality (VR)

  1. Education & Training:
    In schools, students can experience lessons more realistically.
    Imagine studying world history while “visiting” the Great Wall of China through a VR headset – it makes learning engaging and memorable.

  2. Healthcare:
    Medical students can practice surgeries and operations virtually without any real risk, helping them build skills before entering real-life situations.

  3. Entertainment & Gaming:
    VR makes gaming and movie experiences more immersive, making users feel like they’re part of the action instead of just observers.

  4. Popular VR Technologies:

  • Apple Vision Pro.
  • Meta Quest 3 / Quest Pro.
  • PlayStation VR 2.
  • HTC Vive Pro 2.
  • Valve Index.
  • HP Reverb G2.

What Is Augmented Reality (AR)?

Augmented Reality (AR) enhances the real world by overlaying digital elements – like images, animations, or text – onto real-life surroundings.

A simple example is using Snapchat filters or playing Pokémon Go: the app uses your camera to blend digital objects with your physical environment.

Benefits of Augmented Reality (AR)

  1. Architecture & Interior Design:
    AR helps architects and designers visualize how a building or room will look before construction begins.
    If a design has flaws, it can be corrected early using AR visualization tools.

  2. Education & Training:
    AR makes lessons interactive – for example, students can study the solar system by viewing planets that appear over their desks in real time.

  3. Social Media & Marketing:
    AR makes content more engaging. Platforms like Instagram and Snapchat use AR filters to attract and entertain users.

  4. Popular AR Technologies:

  • Google Glass
  • Snapchat AR Lenses
  • Pokémon Go
  • IKEA Place (virtual home design app)

What Is Mixed Reality (MR)?

Mixed Reality (MR) combines the best of both VR and AR – it merges the physical and digital worlds into one interactive experience.
With MR headsets like Microsoft HoloLens, users can see both the real world and digital 3D objects that appear within it – and they can interact with those digital elements directly.

For example, you could place a virtual 3D object on your real desk and move or resize it with your hands.

Popular MR Technologies

  • Microsoft HoloLens.
  • Magic Leap 2.
  • Lenovo ThinkReality A3.
  • Nreal Light.

Difference Between VR, AR, & MR

Technology Description Example
VR (Virtual Reality) Fully immerses the user in a digital environment, separate from the real world. Exploring Mars, flight simulation games
AR (Augmented Reality) Adds digital elements on top of the real world but doesn’t allow physical interaction with them. Snapchat filters, Pokémon Go
MR (Mixed Reality) Blends real and digital worlds, allowing users to interact with virtual objects as if they exist in the real space. Microsoft HoloLens, Magic Leap

Overall Benefits of These Technologies

  • Makes learning more interactive and engaging.
  • Improves healthcare training and simulations.
  • Enhances entertainment and gaming experiences.
  • Helps architects and designers visualize ideas clearly.
  • Creates new ways for people to connect with digital content.

Conclusion

Virtual Reality (VR), Augmented Reality (AR), and Mixed Reality (MR) are powerful technologies changing how humans experience the world.
They bridge the gap between the physical and digital realms – opening new possibilities in education, healthcare, entertainment, and professional training.

As these technologies continue to evolve, we can expect even deeper integration of digital and real-world experiences – creating smarter cities, immersive classrooms, and new ways to work, play, and learn.

The future will not simply be “online” or “offline” – it will be a seamless blend of both worlds.

5G vs 6G Network

Guddina Neetwoorkii Bilbilaa

Neetwoorkii 5G

Dhiyeenya kana Ethio Telecom tajaajila intarneetii 5G jalqaba magaalaa Finfineetti sana booda Adamatti, Jigjigaatti Diredawaatti amma immoo magaalaa Harar tti eegalleera jechuudhan ergaa barreeffamaa (text message) bilbila keenya irratti ergaa turuun isaanii kan yaadatamudha. jalqaba 5G jechuun maal jechuudha? garaagaruumman 5G, 4G, 3G, 2G, 1G maalidha?

Teeknoloojin kominikeeshinii bilbilaa kan jalqabame bara 1980 keessa yemmuu ta’u, inni jalqabaa immoo 1G (First Generation) jedhama. 1G’n bara 1980 keessaa tajaajila irra kan oole fi bilbiloota yeroo sana irratti namoonni sagaleedhan walii bilbiluuf qofa kan itti fayyadamaa turan yemmuu ta’u, teeknoloojin kunis Digital osoo hin taane Analog ture, 1G’n hir’ina qulqullina sagalee fi rakkoowwan heeddu qaba ture.

Bara 1990 keessa teeknoloojin kominikeeshinii bilbilaa 2G (Second Generation) jedhamu, teeknoloojii kominikeeshinii bilbilaa Analog irraa gara Dijitaalatti kan jijjiire yemmuu ta’u, qulqullina sagalee xiqqoo foyya’aa ta’een akkasumas erga barreeffamaa (text message) waliin erguu kan dandeessisu hojii irra kan oole yemmuu ta’u, saffisni isaas amma 0.5Mbps ture.

Bara 2000 irraa jaqabee teeknoloojin kominikeeshinii bilbilaa 3G (Third Generation) jedhamu, sagalee qulqullina guddaa qabuu fi ergaa barreffamaa (text message) akkasumas browser adda addaatin marsariitiiwwan adda addaa fi moosaajiiwwan adda addaa fayyadamsiisuu kan danda’u akkasumas online viidiyoo daawachiisu kan danda’uu hojii irra kan oole yemmuu ta’u, saffisni isaas amma 63Mbps ture.

Bara 2010 teeknoloojin kominikeeshinii bilbilaa itti aanu 4G (Fourth Generation) kan jedhamu, saffisa amma 300Mbps tti ni qabaata jedhamee kan yaadamu yemmuu ta’u,  teeknoloojin kun online viidiyoo platform adda addaa irratti stream gochisiisu kan dandeessisu akkasumas online gaming taphachiisu kan danda’u hojii irra oolera.

Bara kana keessa immoo teeknoloojin kominikeeshinii bilbilaa saffisa guddaa qabu 5G (Fifth Generation) jedhamu biyya keenya keessatti mitii biyyoota guddataniifiyyuu haaraa kan ta’e haala aja’ibisiisa ta’een biyya keenya keessatti hojii irra oolaa kan jirudha.

Teeknoloojin 5G kan jalqabame bara 2020 yemmuu ta’u, saffisa amma 10Gbps tti ni qabaata jedhamee yaadama, teeknoloojin kun kan uumameef hojiiwwan saffisa intarneetii guddaa barbaadan kan akka remote healthcare ykn tele medicine,  driverless cars (konkolaataawwan konkolachisaa hin qabneef), IOT devices (meeshaalee intarneetidhaan connect ta’uu danda’anii fi haalan waliin akka hojjataniif ykn tajaajila kennanniif), smart city (magaalaa ammayyaawa ijaaruf) akkasumas bakka namoonni heeddun itti wal-ga’anitti  ykn bakka namoonni kumaatamatti lakkaa’aman itti argamanitti si’a 1tti tajaajila intarneetii saffisa gaarii ta’e fayyadamsiisuuf fi kan kana fakkaataniif hojii irra kan ooludha.

Hubachiisa: Teeknoloojiiwwan 3G, 4G fi 5G irratti saffisa amma jedhame san bilbila ykn kompiitara keessan irratti argattu jechuu miti. teeknoloojiiwwan kun theory dhaan saffisa amma jedhame san qabaachuu ni danda’u akka jechuuti malee, saffisa amma jedhame san bilbila ykn kompiitara keessan irratti experience gootu jechuu miti.

Hanqina Teeknoloojii 5G

1ffaa: 5G’n bilbila hunduma irratti hin hojjatu jechuunis bilbiloota “5G enabled” ta’an irratti qofa kan hojjatudha. fknf bilbiloota dhaabbata Apple, kan 5G hojjatan, Iphone 12 irraa kaasee amma ammaatti kan jiran. bilbiloota dhaabbata Samsung, Samsung Galaxy S10 irraa kaasee amma ammaatti kan jiran. bilbila 5G hin hojjanne ykn enabled hin taane qabna taanan immoo “sim card 5G” fi wifi router 5G hojjatu, Ethio Telecom irraa bituun bilbila 5G hin hojjanneen wifi router sanaa connect goonee fayyadamuun ni danda’ama.

2ffaa: Neetwoorkin 5G akka neetwoorkii 3G fi 4G tti fageenya dheeraa deemuu hin danda’u, kana irraan kan ka’e “5G Tower” bakka heeddutti ykn fageenya dhiyoo irratti dhaabachuu qaba.

3ffaa: Neetwoorkin 5G akka 3G fi 4G tti Object’wwan adda addaa kan akka gamoo, balbala, foddaa fi kan kana fakkaatan keessa sirriitti daddarbuu hin danda’u kanaaf “5G Tower (Box)” manneen jireenyaatti dhiyaatee ykn gamoowwan adda addaa irratti hidhamuu qaba.

Ethio Telecom teeknooloojii kominikeshinii bilbilaa 5G jedhamu kana jalqaba magaalaa Finfinnee, Adama, Jigjigaa, Diredawaa akkasumas dhiyeenya kana magaalaa Harar tti hojii irra oolchun isaa kan beekamu yemmuu ta’u, yeroo booda magaloota heedduu keessatti teeknoloojin kun kan babal’atu ta’uu isaa Ethio Telecom beeksiseera. odeeffannoo dabalataaf.

Neetwoorkii 6G

Teeknoloojii 5G baay’en keenya sirriitti osoo itti hin fayyadamin teeknoloojin kominikeeshinii bilbilaa inni itti aanu 6G (Sixth Generation) jedhamu, waggaa 6 booda biyyoota guddatan keessatti hojii irraa ooluf akka jedhu beektuu laata?

Haala nama ajaa’ibsiisun teeknoloojin kominikeshinii bilbilaa baay’ee Advanced ta’e 6G (Sixth Generation) jedhamu waggoota 6 booda jechuunis akka Awuroopatti bara 2030 hojii irra ooluf akka jedhu dhaabbatoonni teeknoloojii gurguddaa beeksisaniiru.

Dhaabbatoonni teeknoloojii maallaqa guddaa ramaduun 6G irratti research hojjachaa jiran kan akka Huawei, Google, Apple, Samsung, LG, Cisco, Qualcomm, ZTE, AT&T, T-Mobile, Verizon, Ericsson, Nokia fi kkf yemmuu ta’an isaan kana keessaa dursaa kan jiran dhaabbata Huawei fi Ericsson dha.

Saffisni 6G amma 100Gbps tti ni fayyadamsiisa jedhamee kan yaadamu yemmuu ta’u, kana jechuun saffisa 5G si’a 10 qabaata jechuudha. faayidaan teeknoloojii kanaas Physical world, Digital world & Human world connect gochuuf ykn wal-qunnamsiisuf akka ta’e ibsaniiru, kana jechuun teeknoloojii kanaan Remote Surgery, Industrial Automation, VR (Virtual Reality), AR (Augmented Reality) fi kkf niif sirriitti hojii irraa oola jedhamee yaadama.

Akka biyyaatti yoo fudhanne biyyoonni teeknoloojii kana dursanii of-harka galchuuf dorgomii cimaa keessa jiran: CHINA, US, SOUTH KOREA fi JAPAN yemmuu ta’an, teeknoloojin haaran 6G jedhamu kun akkuma 5G hanqina wal-fakkaataa qabaachuu akka danda’u himameera.

Hanqina Neetwoorkii 6G

  • Neetwoorkin 6G, akkuma 5G device’wwan 6G enabled ta’an irratti malee hojjachuu dhiisuu isaa.
  • Neetwoorkin 6G fageenya dheeraa deemuu dadhabuu isaa.
  • Neetwoorkin 6G object’wwan adda addaa keessa daddarbuu dadhabuu isaa.

Haa ta’u malee ammuma teeknoolojin guddachaa adeemu rakkoowwan kun yeroo booda furmaata argachuun isaanii kan hin oolledha. odeeffannoo dabalataaf.

From 1G to 5G: How Mobile Network Technology Has Evolved?

Recently, many Ethiopians received a text message from Ethio Telecom announcing that 5G internet service – first launched in Addis Ababa, then expanded to Adama, Jigjiga, and Dire Dawa – has now officially reached Harar.
But what exactly is 5G, and how is it different from 4G, 3G, 2G, and 1G?

Let’s take a quick journey through the evolution of mobile communication technology.

1G – The Beginning (1980s)

The First Generation (1G) of mobile technology began in the 1980s.
It allowed people to make voice calls only, using analog (not digital) signals.
1G suffered from poor sound quality, frequent call drops, and weak coverage.

2G – The Digital Shift (1990s)

In the 1990s, mobile technology advanced to 2G (Second Generation).
This was the first digital communication system, improving voice quality and introducing text messaging (SMS) for the first time.
2G could handle data speeds up to around 0.5 Mbps.

3G – The Internet Arrives (2000s)

By the 2000s, 3G (Third Generation) networks brought faster speeds (up to about 63 Mbps) and allowed people to:

  • Browse the web using phone browsers,
  • Access social media apps,
  • Stream videos online, and
  • Enjoy much clearer voice quality.

This was the era that truly connected phones to the internet.

4G – High-Speed Connectivity (2010s)

In the 2010s, 4G (Fourth Generation) technology arrived, boosting internet speeds up to 300 Mbps.
It made HD video streaming, online gaming, and video conferencing possible on mobile devices.
4G became the global standard for fast, reliable internet – and is still widely used today.

5G – The Future is Here (2020s)

The newest innovation, 5G (Fifth Generation), began rolling out globally around 2020 – and now it’s here in Ethiopia!

5G offers speeds up to 10 Gbps, which is nearly 100 times faster than 4G.
But it’s not just about speed. 5G was built to power the next generation of technology, including:

  • Remote healthcare and telemedicine
  • Driverless cars (autonomous vehicles)
  • IoT (Internet of Things) devices
  • Smart cities
  • Large events where thousands of users connect at once

These technologies require ultra-fast, low-latency connections, and that’s exactly what 5G provides.

Note: When we say 5G can reach 10 Gbps, it doesn’t mean your phone will always reach that speed.
That’s the theoretical maximum under ideal lab conditions.
Real-life speeds depend on your phone, distance from the tower, network traffic, and many other factors.

Limitations of 5G

Even though 5G is powerful, it has a few challenges:

  1. Device Compatibility:
    5G works only on 5G-enabled smartphones.

  • For example, Apple’s 5G phones start from iPhone 12 and newer,
  • Samsung’s from Galaxy S10 and newer.
    If your phone doesn’t support 5G, you can still access it using a 5G Wi-Fi router purchased from Ethio Telecom.
  1. Shorter Range:
    5G signals don’t travel as far as 3G or 4 G.
    That means more 5G towers must be installed at closer distances.

  2. Weaker Building Penetration:
    5G waves have difficulty passing through walls, windows, or large obstacles.
    To fix this, small 5G boxes (micro-towers) are often installed near buildings or homes.

Ethio Telecom’s 5G Expansion

Ethio Telecom has successfully launched 5G services in:

  • Addis Ababa
  • Adama
  • Jigjiga
  • Dire Dawa
  • and most recently, Harar.

The company has also announced plans to expand 5G coverage to more Ethiopian cities in the near future.

For more details, visit Ethio Telecom’s official website.

Looking Ahead: The Coming of 6G

Did you know that while most of the world is still adapting to 5G, researchers are already preparing for 6G (Sixth Generation) technology?

According to technology companies, 6G could start rolling out in developed countries by 2030 – just a few years away.

6G – What We Know So Far

Tech giants such as Huawei, Google, Apple, Samsung, LG, Cisco, Qualcomm, ZTE, AT&T, T-Mobile, Verizon, Ericsson, and Nokia are investing billions in 6G research.
Leaders in this field so far include Huawei and Ericsson.

Expected features of 6G include:

  • Speeds up to 100 Gbps (10x faster than 5G)
  • Seamless integration between the physical, digital, and human worlds
  • Support for advanced technologies such as:
    • Remote surgery
    • Industrial automation
    • Virtual Reality (VR) and Augmented Reality (AR)
    • AI-driven smart systems

Possible 6G Limitations

Like 5G, 6G may also face similar challenges:

  • It will only work on 6G-enabled devices.
  • The signal range may still be short.
  • The network might struggle to pass through physical obstacles.

However, as technology continues to evolve, these limitations are expected to be resolved over time.

Conclusion

From 1G to 5G, the world has witnessed an incredible transformation in communication.
With 5G now expanding across Ethiopia, our country is stepping into a new digital era – one that connects people, devices, and cities faster than ever before.
And with 6G already on the horizon, the future of mobile communication looks even more exciting.

Qabiyyee Marsariitii Kanaa, Copy Gochuun Dhorkaadha!