Guddina Neetwoorkii Bilbilaa
Neetwoorkii 5G
Dhiyeenya kana Ethio Telecom tajaajila intarneetii 5G jalqaba magaalaa Finfineetti sana booda Adamatti, Jigjigaatti Diredawaatti amma immoo magaalaa Harar tti eegalleera jechuudhan ergaa barreeffamaa (text message) bilbila keenya irratti ergaa turuun isaanii kan yaadatamudha. jalqaba 5G jechuun maal jechuudha? garaagaruumman 5G, 4G, 3G, 2G, 1G maalidha?
Teeknoloojin kominikeeshinii bilbilaa kan jalqabame bara 1980 keessa yemmuu ta’u, inni jalqabaa immoo 1G (First Generation) jedhama. 1G’n bara 1980 keessaa tajaajila irra kan oole fi bilbiloota yeroo sana irratti namoonni sagaleedhan walii bilbiluuf qofa kan itti fayyadamaa turan yemmuu ta’u, teeknoloojin kunis Digital osoo hin taane Analog ture, 1G’n hir’ina qulqullina sagalee fi rakkoowwan heeddu qaba ture.
Bara 1990 keessa teeknoloojin kominikeeshinii bilbilaa 2G (Second Generation) jedhamu, teeknoloojii kominikeeshinii bilbilaa Analog irraa gara Dijitaalatti kan jijjiire yemmuu ta’u, qulqullina sagalee xiqqoo foyya’aa ta’een akkasumas erga barreeffamaa (text message) waliin erguu kan dandeessisu hojii irra kan oole yemmuu ta’u, saffisni isaas amma 0.5Mbps ture.
Bara 2000 irraa jaqabee teeknoloojin kominikeeshinii bilbilaa 3G (Third Generation) jedhamu, sagalee qulqullina guddaa qabuu fi ergaa barreffamaa (text message) akkasumas browser adda addaatin marsariitiiwwan adda addaa fi moosaajiiwwan adda addaa fayyadamsiisuu kan danda’u akkasumas online viidiyoo daawachiisu kan danda’uu hojii irra kan oole yemmuu ta’u, saffisni isaas amma 63Mbps ture.
Bara 2010 teeknoloojin kominikeeshinii bilbilaa itti aanu 4G (Fourth Generation) kan jedhamu, saffisa amma 300Mbps tti ni qabaata jedhamee kan yaadamu yemmuu ta’u, teeknoloojin kun online viidiyoo platform adda addaa irratti stream gochisiisu kan dandeessisu akkasumas online gaming taphachiisu kan danda’u hojii irra oolera.
Bara kana keessa immoo teeknoloojin kominikeeshinii bilbilaa saffisa guddaa qabu 5G (Fifth Generation) jedhamu biyya keenya keessatti mitii biyyoota guddataniifiyyuu haaraa kan ta’e haala aja’ibisiisa ta’een biyya keenya keessatti hojii irra oolaa kan jirudha.
Teeknoloojin 5G kan jalqabame bara 2020 yemmuu ta’u, saffisa amma 10Gbps tti ni qabaata jedhamee yaadama, teeknoloojin kun kan uumameef hojiiwwan saffisa intarneetii guddaa barbaadan kan akka remote healthcare ykn tele medicine, driverless cars (konkolaataawwan konkolachisaa hin qabneef), IOT devices (meeshaalee intarneetidhaan connect ta’uu danda’anii fi haalan waliin akka hojjataniif ykn tajaajila kennanniif), smart city (magaalaa ammayyaawa ijaaruf) akkasumas bakka namoonni heeddun itti wal-ga’anitti ykn bakka namoonni kumaatamatti lakkaa’aman itti argamanitti si’a 1tti tajaajila intarneetii saffisa gaarii ta’e fayyadamsiisuuf fi kan kana fakkaataniif hojii irra kan ooludha.
Hubachiisa: Teeknoloojiiwwan 3G, 4G fi 5G irratti saffisa amma jedhame san bilbila ykn kompiitara keessan irratti argattu jechuu miti. teeknoloojiiwwan kun theory dhaan saffisa amma jedhame san qabaachuu ni danda’u akka jechuuti malee, saffisa amma jedhame san bilbila ykn kompiitara keessan irratti experience gootu jechuu miti.
Hanqina Teeknoloojii 5G
1ffaa: 5G’n bilbila hunduma irratti hin hojjatu jechuunis bilbiloota “5G enabled” ta’an irratti qofa kan hojjatudha. fknf bilbiloota dhaabbata Apple, kan 5G hojjatan, Iphone 12 irraa kaasee amma ammaatti kan jiran. bilbiloota dhaabbata Samsung, Samsung Galaxy S10 irraa kaasee amma ammaatti kan jiran. bilbila 5G hin hojjanne ykn enabled hin taane qabna taanan immoo “sim card 5G” fi wifi router 5G hojjatu, Ethio Telecom irraa bituun bilbila 5G hin hojjanneen wifi router sanaa connect goonee fayyadamuun ni danda’ama.
2ffaa: Neetwoorkin 5G akka neetwoorkii 3G fi 4G tti fageenya dheeraa deemuu hin danda’u, kana irraan kan ka’e “5G Tower” bakka heeddutti ykn fageenya dhiyoo irratti dhaabachuu qaba.
3ffaa: Neetwoorkin 5G akka 3G fi 4G tti Object’wwan adda addaa kan akka gamoo, balbala, foddaa fi kan kana fakkaatan keessa sirriitti daddarbuu hin danda’u kanaaf “5G Tower (Box)” manneen jireenyaatti dhiyaatee ykn gamoowwan adda addaa irratti hidhamuu qaba.
Ethio Telecom teeknooloojii kominikeshinii bilbilaa 5G jedhamu kana jalqaba magaalaa Finfinnee, Adama, Jigjigaa, Diredawaa akkasumas dhiyeenya kana magaalaa Harar tti hojii irra oolchun isaa kan beekamu yemmuu ta’u, yeroo booda magaloota heedduu keessatti teeknoloojin kun kan babal’atu ta’uu isaa Ethio Telecom beeksiseera. odeeffannoo dabalataaf.
Neetwoorkii 6G
Teeknoloojii 5G baay’en keenya sirriitti osoo itti hin fayyadamin teeknoloojin kominikeeshinii bilbilaa inni itti aanu 6G (Sixth Generation) jedhamu, waggaa 6 booda biyyoota guddatan keessatti hojii irraa ooluf akka jedhu beektuu laata?
Haala nama ajaa’ibsiisun teeknoloojin kominikeshinii bilbilaa baay’ee Advanced ta’e 6G (Sixth Generation) jedhamu waggoota 6 booda jechuunis akka Awuroopatti bara 2030 hojii irra ooluf akka jedhu dhaabbatoonni teeknoloojii gurguddaa beeksisaniiru.
Dhaabbatoonni teeknoloojii maallaqa guddaa ramaduun 6G irratti research hojjachaa jiran kan akka Huawei, Google, Apple, Samsung, LG, Cisco, Qualcomm, ZTE, AT&T, T-Mobile, Verizon, Ericsson, Nokia fi kkf yemmuu ta’an isaan kana keessaa dursaa kan jiran dhaabbata Huawei fi Ericsson dha.
Saffisni 6G amma 100Gbps tti ni fayyadamsiisa jedhamee kan yaadamu yemmuu ta’u, kana jechuun saffisa 5G si’a 10 qabaata jechuudha. faayidaan teeknoloojii kanaas Physical world, Digital world & Human world connect gochuuf ykn wal-qunnamsiisuf akka ta’e ibsaniiru, kana jechuun teeknoloojii kanaan Remote Surgery, Industrial Automation, VR (Virtual Reality), AR (Augmented Reality) fi kkf niif sirriitti hojii irraa oola jedhamee yaadama.
Akka biyyaatti yoo fudhanne biyyoonni teeknoloojii kana dursanii of-harka galchuuf dorgomii cimaa keessa jiran: CHINA, US, SOUTH KOREA fi JAPAN yemmuu ta’an, teeknoloojin haaran 6G jedhamu kun akkuma 5G hanqina wal-fakkaataa qabaachuu akka danda’u himameera.
Hanqina Neetwoorkii 6G
- Neetwoorkin 6G, akkuma 5G device’wwan 6G enabled ta’an irratti malee hojjachuu dhiisuu isaa.
- Neetwoorkin 6G fageenya dheeraa deemuu dadhabuu isaa.
- Neetwoorkin 6G object’wwan adda addaa keessa daddarbuu dadhabuu isaa.
Haa ta’u malee ammuma teeknoolojin guddachaa adeemu rakkoowwan kun yeroo booda furmaata argachuun isaanii kan hin oolledha. odeeffannoo dabalataaf.
From 1G to 5G: How Mobile Network Technology Has Evolved?
Recently, many Ethiopians received a text message from Ethio Telecom announcing that 5G internet service – first launched in Addis Ababa, then expanded to Adama, Jigjiga, and Dire Dawa – has now officially reached Harar.
But what exactly is 5G, and how is it different from 4G, 3G, 2G, and 1G?
Let’s take a quick journey through the evolution of mobile communication technology.
1G – The Beginning (1980s)
The First Generation (1G) of mobile technology began in the 1980s.
It allowed people to make voice calls only, using analog (not digital) signals.
1G suffered from poor sound quality, frequent call drops, and weak coverage.
2G – The Digital Shift (1990s)
In the 1990s, mobile technology advanced to 2G (Second Generation).
This was the first digital communication system, improving voice quality and introducing text messaging (SMS) for the first time.
2G could handle data speeds up to around 0.5 Mbps.
3G – The Internet Arrives (2000s)
By the 2000s, 3G (Third Generation) networks brought faster speeds (up to about 63 Mbps) and allowed people to:
- Browse the web using phone browsers,
- Access social media apps,
- Stream videos online, and
- Enjoy much clearer voice quality.
This was the era that truly connected phones to the internet.
4G – High-Speed Connectivity (2010s)
In the 2010s, 4G (Fourth Generation) technology arrived, boosting internet speeds up to 300 Mbps.
It made HD video streaming, online gaming, and video conferencing possible on mobile devices.
4G became the global standard for fast, reliable internet – and is still widely used today.
5G – The Future is Here (2020s)
The newest innovation, 5G (Fifth Generation), began rolling out globally around 2020 – and now it’s here in Ethiopia!
5G offers speeds up to 10 Gbps, which is nearly 100 times faster than 4G.
But it’s not just about speed. 5G was built to power the next generation of technology, including:
- Remote healthcare and telemedicine
- Driverless cars (autonomous vehicles)
- IoT (Internet of Things) devices
- Smart cities
- Large events where thousands of users connect at once
These technologies require ultra-fast, low-latency connections, and that’s exactly what 5G provides.
Note: When we say 5G can reach 10 Gbps, it doesn’t mean your phone will always reach that speed.
That’s the theoretical maximum under ideal lab conditions.
Real-life speeds depend on your phone, distance from the tower, network traffic, and many other factors.
Limitations of 5G
Even though 5G is powerful, it has a few challenges:
-
Device Compatibility:
5G works only on 5G-enabled smartphones.
- For example, Apple’s 5G phones start from iPhone 12 and newer,
- Samsung’s from Galaxy S10 and newer.
If your phone doesn’t support 5G, you can still access it using a 5G Wi-Fi router purchased from Ethio Telecom.
-
Shorter Range:
5G signals don’t travel as far as 3G or 4 G.
That means more 5G towers must be installed at closer distances. -
Weaker Building Penetration:
5G waves have difficulty passing through walls, windows, or large obstacles.
To fix this, small 5G boxes (micro-towers) are often installed near buildings or homes.
Ethio Telecom’s 5G Expansion
Ethio Telecom has successfully launched 5G services in:
- Addis Ababa
- Adama
- Jigjiga
- Dire Dawa
- and most recently, Harar.
The company has also announced plans to expand 5G coverage to more Ethiopian cities in the near future.
For more details, visit Ethio Telecom’s official website.
Looking Ahead: The Coming of 6G
Did you know that while most of the world is still adapting to 5G, researchers are already preparing for 6G (Sixth Generation) technology?
According to technology companies, 6G could start rolling out in developed countries by 2030 – just a few years away.
6G – What We Know So Far
Tech giants such as Huawei, Google, Apple, Samsung, LG, Cisco, Qualcomm, ZTE, AT&T, T-Mobile, Verizon, Ericsson, and Nokia are investing billions in 6G research.
Leaders in this field so far include Huawei and Ericsson.
Expected features of 6G include:
- Speeds up to 100 Gbps (10x faster than 5G)
- Seamless integration between the physical, digital, and human worlds
- Support for advanced technologies such as:
- Remote surgery
- Industrial automation
- Virtual Reality (VR) and Augmented Reality (AR)
- AI-driven smart systems
Possible 6G Limitations
Like 5G, 6G may also face similar challenges:
- It will only work on 6G-enabled devices.
- The signal range may still be short.
- The network might struggle to pass through physical obstacles.
However, as technology continues to evolve, these limitations are expected to be resolved over time.
Conclusion
From 1G to 5G, the world has witnessed an incredible transformation in communication.
With 5G now expanding across Ethiopia, our country is stepping into a new digital era – one that connects people, devices, and cities faster than ever before.
And with 6G already on the horizon, the future of mobile communication looks even more exciting.
Discover more from Hundaaf
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
