Google Ads vs Google AdSense

Garaagarummaa Google Ads fi Google AdSense

Google Ads

Google ads online platform beeksisni adda addaa ittiin beeksifamu yemmuu ta’u, kan inni develop ta’ee fi too’atamu dhaabbata Google’n. Google ads hojii irra kan oole A.L.A October 23, 2000 yemmuu ta’u. namoonni biizinasii qaban ykn dhaabbatoonni adda addaa dhaabbata isaanii, tajaajila isaanii, oomisha isaanii platform kanatti dhimma ba’uun ittiin beeksifachuu kan danda’nidha.

Google ads gosa adda addaatu jiru, kanneen sirriitti beekaman garuu:

  • Search ad.
  • Shopping ad.
  • Display ad.
  • Video ad fi kan kana fakkaatan.

Google ads kan inni run ta’u:

1ffaa marsariitii google.com irratti.

2ffaa marsaritiiwwanii namoota kan biraa ykn third party websites ykn google network jedhaman irratti.

3ffaa YouTube irratti.

Marsaritiii google.com irratti ad gosa 2tu run ta’a isaanis search ad fi shopping ad jedhamu.

Yeroo marsariitii google.com irratti search gootan, webpage’n deebii isinii qabatee deebi’u SERP ykn Search Engine Result Page jedhama.  SERP irratti deebii gosa lamatu isiniif dhiyaata, isaan jalqabaa PAID RESULTS yemmuu jedhaman, isaan lammaffaan immoo ORGANIC RESULTS jedhamu. Paid Results kan jedhaman namoonni biizinasii qaban ykn dhaabbatoonni adda addaa advertisement’wwan isaanii jalqaba marsariiti google.com irratti akka mul’atuuf google search ad dhaaf ykn google shopping dhaaf kan kaffalan yemmuu ta’an, organic results kan jedhamu immoo namoonni marsariitii qaban, marsariitii isaanii optimize waan godhaniif liinkiiwwan search ad ykn shopping ad tti ananii gara gadiitti mul’atu jechuudha.

Namoonni  marsariitii google.com irraatti maqaa biizinasii keessaniin wal-fakkaatu ykn dhaabbata keessaniin wal-fakkaatu ykn oomisha keessaniin  walfakkaatu ykn tajaajila keessaniin walfakkaatu yeroo search godhan yeroo hundaa jalqaba marsaritii google.com irratti advertisement’wwan mul’atan, advertisement’wwan namoonni biizinasii qaban ykn dhaabbatoonni adda addaa google search ad dhaaf ykn shopping ad dhaaf  kaffalanidha.

Gosti Google ads inni 3ffaan immoo Google display ad dha. Google display ad marsariitiiwwan ykn moosaajiiwwan namootaa ykn third party websites ykn google network jedhaman irratti kan run ta’u yemmuu ta’u, marsariitiiwwan adda addaa irra yeroo seentan ad’wwan bifa suuraatin ykn viidiyootin mul’atanidha.

Gosti Google ad inni 4ffaan immoo Video ad dha. Video ad’n platform YouTube irratti kan run ta’u yemmuu ta’u, fknf biyya keenya keessatti YouTube ad’n hin hojjatu waan ta’eef, VPN connect erga gootanii booda YouTube irra seentanii yeroo viidiyoo bantan ad’wwan bifa viidiyootin mul’atanidha. YouTube irratti ad’wwan gosa 6tu jiru isaanis:

  1. Skippable in-stream ad.
  2. Non-skippable in-stream ad.
  3. Bumper ad.
  4. In-feed video ad or discovery ad.
  5. Masthead ad fi
  6. Overlay ad.

Walumaagalatti Google ad, platform dhaabbatoonni adda addaa dhaabbata isaanii, namoonni biizinasii qaban, biizinasii isaanii, oomisha ykn tajaajila isaanii akka ittiin beeksifataniif jedhamee develop kan ta’ee fi isaan irratti jechuunis namoota advertisers jedhaman irratti kan xiyyeefatedha.

Google AdSense

Google AdSense program dhabbata Google’n geggeeffamu yoo ta’u, kan gadi dhiifame ykn hojii irra kan oole A.L.A  June 18 2003 yemmuu ta’u. program’n kun kan develop ta’ee fi guutumaa guututti kan too’atamu dhabbata Google’n.

Google AdSense namoota marsariitii, moosaajii bilbilaa ykn mobile app fi YouTube irratti qabiyyeewwan adda addaa uuman ykn Content Creators jedhaman irrattti kan xiyyeeffatedha.

Namoonni baay’en Google ads fi Google AdSense  program ykn siistama tokkodha jedhanii yaadu, garuu program’wwan kun lamaanuu garaagaradha. Google ads dhaabbatoonni addaa addaa fi namoonni biizinasii qaban, oomisha isaanii, tajaajila isaanii ittiin beeksisuuf kan gargaaru yemmuu ta’u, google adsense immoo namoonni content create godhan beeksisa kana akka isaan content isaanii irratti mul’atu gochuun jechuunis namoonni website qaban website isaanii irratti, namoonni monile app qaban mobile app isaanii irratti, namoonni YouTube channel qaban viidiyoo isaanii irratti beeksisini akka mul’atu taasisuun maallaqa kan ittiin argatanidha.

Kanaaf Google ads dhaabbatoota adda addaa fi namoota biizinasii qaban ykn Advertisers jedhaman iratti kan xiyyeeffatu yemmuu ta’u, Google Adsense immoo namoota marsariitii fi moosajii bilbilaa irratti maxxansa adda addaa maxxansan ykn Publishers ykn Content Creators jedhaman irratti kan xiyyeeffatudha.

Walumaagalatti namoonni marsariitii ykn moosaajii bilbilaa qabdan akkasumas fayyadamtoota heedduu qabdan account Google Adsense banachuun ad’wwan adda addaa marsariitii ykn mosaajii bilbilaa keessan irratti akka mul’atu gochuun galii irraa argachuu ni dandeessu.

Do You Know the Difference Between Google Ads & Google AdSense?

Many people think Google Ads and Google AdSense are the same thing — but they are actually two very different platforms created by Google, each serving a unique purpose.
Let’s explore what each one does and how they differ.

1. Google Ads

Google Ads is an online advertising platform developed and managed by Google. It was launched on October 23, 2000, and allows businesses, organizations, and individuals to promote their products or services to a global audience through different types of ads.

With Google Ads, business owners can pay to display their advertisements across Google’s platforms and partner networks.

There are several types of Google Ads, but the most common ones are:

  • Search Ads.
  • Shopping Ads.
  • Display Ads.
  • Video Ads.

Where Do Google Ads Appear?

Google Ads can run on three main platforms:

  1. Google Search (google.com):

    These are the ads you see when you search for something on Google. There are two main types:

  • Search Ads.
  • Shopping Ads.

When you search for a word or product, the page that appears is called the Search Engine Results Page (SERP).

On the SERP, two types of results appear:

  • Paid Results: These are the ads that businesses pay for to appear at the top of Google’s search page.
  • Organic Results: These appear naturally because the website is well-optimized (SEO), not because the owner paid for ads.

For example, if someone searches for a product or service similar to your business, the first few results labeled “Ad” are usually Google Search Ads or Shopping Ads that companies paid for.

Third-Party Websites (Google Display Network):

  • These are ads that appear on other people’s websites or apps that are part of Google’s network. These ads often appear as images, banners, or videos on websites you visit.

YouTube (Video Ads):

  1. These are video advertisements that play before, during, or after a YouTube video.
    In some countries (including Ethiopia), YouTube ads may not show without using a VPN.
    Types of YouTube ads include:

  • Skippable in-stream ads.
  • Non-skippable in-stream ads.
  • Bumper ads.
  • In-feed (discovery) ads.
  • Masthead ads.
  • Overlay ads.

In summary, Google Ads is a platform created for advertisers – people or companies who want to promote their products, services, or brands online.

2. Google AdSense

Google AdSense, on the other hand, is a program also created and managed by Google. It was officially launched on June 18, 2003.

While Google Ads focuses on advertisers, Google AdSense focuses on content creators – such as website owners, mobile app developers, and YouTubers.

AdSense allows these creators to earn money by displaying ads (created through Google Ads) on their websites, apps, or YouTube channels.

When visitors view or click these ads, the creators earn revenue from Google.

The Main Difference Between Google Ads & Google AdSense

Although both platforms are managed by Google, they serve opposite sides of the advertising world:

Platform Main Users Purpose How It Works
Google Ads Businesses & Advertisers To promote products and services They pay Google to display their ads across the web.
Google AdSense Publishers & Content Creators To earn money from ads They allow Google to show ads on their content and earn revenue.

So, Google Ads helps advertisers spend money to reach more people, while Google AdSense helps publishers earn money by hosting those ads.

Conclusion

In short:

  • Google Ads is for advertisers who want to promote their businesses.
  • Google AdSense is for publishers who want to make money by displaying ads.

If you own a website, mobile app, or YouTube channel, you can create a Google AdSense account to display ads and earn income from your content.

Both Google Ads and Google AdSense work together to power the world’s largest digital advertising ecosystem – connecting businesses that want to advertise with creators who share that content with the world.

Qabiyyee Marsariitii Kanaa, Copy Gochuun Dhorkaadha!