Scammers

Scammers Jechuun Maal Jechuudha?

Adunyaa kana irra namoonni gumaacha guddaa taasisan, uummata adunyaa guutuf kan yaadan, hawaasa bal’aadhaf wantoota heedduu kan hojjatan, rakkoowwan jiraniif teeknoloojiiwwan adda addaa kan kalaqan, akkasumas teeknoloojiiwwan kalaqaman uummata adunyaa kanaaf akka rakkoo hin taane ykn miidhaa hin geessisneef kan dhiphatanii fi qorannoo adda addaa taasisuun beekamtii guddaa kan argatan baay’etu jiru. haa ta’u malee namoonni baay’ee namaaf gaarii ta’an, uummata adunyaa guutudhaaf kan yaadan, itti gaafatamummaan kan itti dhagahamu akkuma jiran, garagaltoodhan namoonni uummata adunyaaf hin yaanne, itti gaafatamummaan kan itti hin dhaga’amne, of jaalattoonni fi fageessanii yaaduu kan hin dandeenye adunyaa keessa jiraannu kana keessa guutaniiru. namoonni akkasii kun teeknoloojitti dhimma ba’uun, uummata ykn hawaasa intarneetii fayyadamu sobuun ykn gowwoomsun ykn itti fakkeessun maallaqa isaanii ergisiisun ykn Online guca isaan qopheessan akka guutan taasisuun akkasumas odeeffannoo dhuunfaa (Private Data) gara marsariititiin ykn moosajitiin irraa fudhachuun,  yeroo gabaabaa keessatti sooreessa ta’uudhaf namoota marsariitii fi moosaajii sobaa ijaarun odeeffannoo fi maallaqa hawaasa intarneetii fayyadamu jalaa hatuudhaf ykn fudhachuudhaf namoota yaalii yeroo dheeraa adeemsisanidha.

Namoonni Armaan Oliitti Ibsaman Akkamitti Hawaasa Intarneetii Fayyadamu Gowwoomsuu Danda’an?

Namoonni intarneetii irratti hawaasa intarneetii fayyadamu gowwoomsaa jiraatan ykn Scammers kan jedhaman kanneen itti yaadaniiitti qophaa’anii marsariitii sobaa marsariitii dhugaa kan fakkaatu ijaarun ykn moosaajii sobaa moosaajii dhugaa kan fakkaatu ijaarun, fayyadamtoota intarneetii gowwoomsun odeeffannoo isaanii kan akka: MaqaaIimeeliiPasswordLakkoofsa Bilbilaa fi odeeffannoowwan kan kana fakkaatan marsariitii isaanii irratti akka guutan taasisu, sana booda odeeffannoo argataniin miidiyaalee hawaasaa isaanii seenun hiriyyoota isaanitiif liinkiiwwan adda addaa erguun akka hiriyyoonni isaanii marsariitii sobaa kanaaf saaxilaman taasisu. akkasumas foormii ykn guca odeeffannoo baankii fakkaatu akka guutan taasisuun maallaqa isaanii jalaa hatu ykn marsariitii hojii Online fakkeessanii ijaarun erga hojjisiisanii booda hawaasni intarneetii fayyadamu maallaqa hojjatan baasudhaaf yeroo yaalan jalqaba maallaqa keessan kan Bank Account irraa qabdan muraasa kaffalaa jechuun ykn guca baankii isaan qopheessan akka guutan taasisuun namoota heedduu gowwoomsanii mallaqa jalaa hatu ykn fudhatu.

Marsariitiiwwan Sobaa Akkamitti Adda Baasna?

Marsariitiiwwan sobaa akka salphaatti qabxiiwwan armaan gadiitin adda baasun ni danda’ama. fakkeenyaf:

  • Domain Marsariitichaa Ilaalun: Marsariitiiwwan sobaa yeroo baay’ee Domain isaanii .xyz fi kkf dha. kanaaf Domain isaanii qofa ilaalun beekun ykn shakkuun ni danda’ama. fknf: tb0-video.xyz kana jechuun marsariitiiwwan Domain isaanii .com ta’an hundi isaanii marsariitii sirrii ykn marsariitii dhugaa ta’anidha jechuun hin danda’amu. sababni isaas marsariitin sobaa Domain isaa .com ta’e kan akka easytypingjob.com ni jiraatu).
  • Fuula ykn Design Marsariitichaa Ilaalun: Yeroo baay’ee marsariitiiwwan sobaa fuulli isaanii ykn User Interface isaanii kan sirriitti hin ijaaramne, hin bareenne fi kan nama hawwatu miti. fknf: tb0-video.xyz kana jechuun marsariitiwwan fuulli ykn User Interface isaanii nama hawwatan marsariitii sirrii ykn dhugaa ta’anidha jechuu miti marsariitiiwwan sobaa fuulli ykn User Interface isaanii baay’ee nama hawwatan jiru. fknf: easytypingjob.com).
  • Qarshii Hojjattan Baasuf Yeroo Jettan Dursa Kaffaltii Yoo Gaafatan: Marsariitiiwwan sobaa hojii Online hojjisiisan irraa qarshii hojjanne yeroo baasuf jennu ykn gara PayPal tti Transfer gochuuf yeroo jennu ykn kallattiin gara Bank Account keenyatti dabarsuuf yeroo jennu, jalqaba maallaqa muraasa Bank Account keessan irraa kaffalaa ykn Bitcoin amma ta’e kaffalaa jechuun beekamu.

Marsariitiiwwan Sobaa Yeroo Ammaa Intarneetii Irratti Namoota Heedduu Gowwoomsaa Jiran

1, tb0-video.xyz

Marsariitin kun marsariitii watch videos and get paid for it (viidiyoo daawachuun kaffaltii irraa argadhaa) jedhamuun kan beekamuu fi namoonni heeddun marsariitii dhugaa hojii Online se’uun viidiyoowan marsariitii kana irra jiran daawachaa oolun yeroo dheeraa kan irratti balleessanidha. marsariitin kun yeroo ammaa Domain lamaan hojjachaa kan jiru yemmuu ta’u Domain inni kan biraa youtuber.cash jedhamuun beekama. marsariitii kana irratti wanti hojjatamu viidiyoowwan adda addaa marsariitii kana irratti daawachuudha. viidiyoowan kanneen dheerina daqiiqaa adda addaa kan qaban yemmuu ta’an. amma qarshiin kaffalamus akkuma viidiyoo kan adda addaati. qarshii hojjatame baasudhaaf yoo xiqqaate qarshii $200 ta’u kan qabu yemmuu ta’u, $200 erga guuttanii booda yoo xiqqaate liinkii Referall jedhamu ykn liinkii keessaniin namoonni 30 gara marsariitii kanaa akka dhufan gochuun dirqamadha jedha, yoo barbaaddan Referall kan jedhamu kana bituu dandeessu garuu kan bituu dandeessan Bitcoin dhan. sana booda qarshii hojjattan gara PayPal tti Transfer gochuu dandeessu jedha. namoonni amma har’aatti marsariitii kana irratti viidiyoo daawachaa jirtan isaan fayyadaa akka jirtan, akkasumas ofii keessanii yeroo keessan balleessaa akka jirtan beekuu qabdu.

Akkamitti marsariitin tb0-video.xyz ykn youtuber.cash marsariitii sobaa ta’uu isaanii mirkaneessina?

  • Qarshiin inni kaffalu tokkoyyuu jiraachuu dhiisuu isaa.
  • Marsariitii 1 ta’ee Domain adda addaa 2 qabaachuu isaa (tb0-video.xyz fi youtuber.cash).
  • Abbaan marsariitii kanaa eenyu akka ta’e beekamuu dhiisuu isaa akkasumas liinkin miidiyaale hawaasaa isaanii tokkoyyuu marsariitii kana irra jiraachuu dhiisuu isaa.
  • User Interface ykn Fuulli marsariitichaa kan sirriitti hin ijaaramnee ta’uu isaa.

 2, easytypingjob.com

Marsariitin kun marsariitii typing job ykn hojii barreeffamaa jedhamuun kan beekamuu fi haalli hojiis captcha ykn barreeffama sirriitti hin mul’anne sirreessanii ariitidhaan barreessudha. marsariitin kun kan nama ajaa’ibu marsariitii fuulli isaa ykn User Interface isaa kan bareedu fi nama kan hawwatu yemmuu ta’u. akkasumas namoota gara marsariitii kanaa dhufan sirriitti amansiisuf namoonni kana dura marsariitii kana irratti hojjatanii irraa fayyadaman akkas jedhaniiru jechuun Testimonial ykn dhuga baatii waa’ee marsariitichaa suuraa namootaa waliin qindeessun kan kaa’anidha. marsariitii kana irratti hojjattanii qarshii hojjattan baasudhaaf yeroo yaaltan jalqaba qarshii $50 Bank Account keessan irraa kaffalaa jedhu. namoonni marsariitii kana irratti yeroo keessan balleessaa jirtanii fi qarshii hojjattan baasuf jecha maallaqa keessan isaanif Transfer gochuuf kan yaaltan maallaqa qabdan of jalaa hachisiisaa akka jirtan beekuu qabdu.

fias777.com fi hduhdu.com Marsariitii Sobaa ykn Scam Website dhaa moo Miti?

Marsariitin fias777.com fi hduhdu.com jedhaman marsariitii sobaa ykn scam website akka ta’an, namooni baay’en dhiyoo kana kan adda baafatanidha. namoonni marsariitii kana duuba jiran “hojii Online akka salphaatti qarshii irraa argachuu dandeessanii fi namoonni baay’en kan irraa fayyadamaa jiranidha” jechuun namoonni heeddun galma’anii qarshii isaanii akka kaffalan taasisaa kan turanidha. haala kanaan namoota baay’ee irraa qarshii heedduu walitti qabachaa kan turan yemmuu ta’u. marsariitin kun yeroo hojjachuu dhiisu namoonni qarshii isaanii kaffalanii galmaa’an akka hin shakkineef “marsariitii keenya Update ykn haaromsaa jirra waan ta’eef yeroo xiqqoodhaf nuuf obsaa ni deebina” jechuudhan namooota amansiisaa kan turanidha.

Akkamitti Namoonni Marsariitiiwwan Kanneen Duuba Jiran Hawaasa Intarneetii Fayyadamu Heedduu Amansiisuu fi Maallaqa Isaanii Amma Irraa Fudhachuutti Ga’an?

Namni kamiyuu ykn namoonni baay’en qarshii karaa gabaabaa fi karaa salphaa ta’een argachuu barbaadu, kana jechuun namoonni baay’en osoo itti hin dhama’in ykn hin dadhabin karaa gabaaban ykn haaluma salphaan qarshii miiliyoonatti lakkaa’amu akka qabaatan barbaadu. isa kana namooni marsariitii sobaa ykn scam website duuba jiran sirriitti beeku. kanaaf hawaasa intarneetii fayyadamu akka itti qarshii irraa fudhachuu danda’an sirriitti itti yaadun, itti qophaa’un, karoora baafatanii marsariitii fias777.com fi hduhdu.com ijaarun ykn develop gochuun hawaasa intarneetii fayyadamu irraa qarshii amma fedha isaanii walitti qabachuu kan danda’an.

Jalqaba namni kamiyyuu kan hubachuu qabu hojii malee ykn osoo hin dhama’in ykn hin dadhabin maallaqa argachuun rakkisaa akka ta’e namni kamiyyuu beekuu ykn yaadachuu qaba. itti aansee, gara Online tin dhaabbatni kamiyyuu “hojii Online jalqabneerranamoonni nu waliin hojjachuuf fedha qabdan galmaa’un jalqaba qarshii ammanaa kaffalaa” yoo jedhan, dhaabbatni sun dhugumaan maal akka hojjatueenyun akka dhaabbate ykn abbaan qabeenya dhaabbata sanaa eenyu akka ta’edhaabbatichi ykn Biiron isaanii eessatti akka argamuu, qarshii tokko osoo hin kaffalin sirriiti adda baafachuun baay’ee baay’ee barbaachisaadha.

Akka qorannoo kiyyaatti namoonni fias777.com fi hduhdu.com namoota garee tokko ta’anidha ykn marsariitin lamaanuu garee tokkoon gaggeeffamuu danda’a kan jedhu shakkiin qaba. sababni isaas marsariitin lamaanuu User Interface ykn fuulli marsariitii lamaanuu fi haalli hojii isaanis wal fakkaatadha. kana malees namooni marsariitii kana lamaan duuba jiran, eenyummaan isaanii kan hin beekamnedha. dhugumaan marsariitin kun lamaanuu marsariitii hojii Online osoo ta’ee, namoonni marsariitii kanneen duuba jiran eenyu akkan ta’an fakkeenyaf maqaalakkoofsa bilbilaaemail fi ga’ee hojii isaanii ykn gabaabumatti Profile isaanii marsariitii kanneen irra argachuu ni dandeenya ture. fakkeenyaf marsariitii baay’ee jaalatamaa fi beekamaa hojiiwwan Online adda addaa irratti hojjataman upwork jedhamu duuba namoonni jiran eenyu akka ta’an odeeffannoo guutuu ykn Profile isaanii liinkii kana irraa upwork.com/about/team argachuu dandeessu. gareen fias777.com ykn hduhdu.com jedhaman kun garuu eenyummaa isaanii dhoksuudhan amma yeroo dhiyootti marsariitii kana lamaanin hawaasa intarneetii fayyadamu irraa maallaqa heedduu walitti qabachaa kan turanidha, teeknika isaan itti fayyadaman, namoota marsariitii hojii Online dhugaa se’anii amanuun qarshii isaanii kaffalan irraa namoota haaraa galmaa’aniif qarshii amma ta’e irraa kaffaluun namoota baay’etti dhugaa fakkeessuu fi akka isaan wal amansiisan taasisuudha. kana jechuun fakkeenyaf namoota 10,000 irraa qarshii walitti qaban irraa, namoota haaraa galmaa’an 1000f qarshii dabarsuu akka jechuuti. namooni qarshiin kaffalameef kanneen “dhugaadha fias777.com hojii Online ti, qarshiis sirriitti kaffala” jechuun namoota haaraa akka isaan amansiisan ykn galmaa’anii qarshii isaanii akka kaffalan taasisun, yeroo gabaabaa keessatti hawaasa intarneetii fayyadamu heedduu bira ga’uu danda’aniiruu. ammaan tana marsariitin kun lamaanuu  marsariitii sobaa ykn scam website akka ta’e namoota heeddun kan baramee fi hojii irra kan hin jirredha.

What Does “Scammer” Mean? (Understanding Online Fraud in the Digital World)

Introduction

The digital world has brought us countless innovations – from global communication and online business to advanced artificial intelligence. Many brilliant minds have used technology to solve real-world problems and make life easier for humanity.
However, not everyone uses technology for good. Alongside the innovators and responsible creators, there are those who exploit technology to deceive, steal, and take advantage of others for personal gain.
These individuals are known as Scammers – people who use the internet, social media, fake websites, or mobile apps to trick others into sharing money or private information.

In this article, we’ll look at who scammers are, how they operate, how to recognize fake websites, and – most importantly – how to protect yourself from online scams.

Who Are Scammers?

Scammers are people who use lies, fake online platforms, or manipulation to steal money or data from internet users.
They may create fake websites, fraudulent apps, or even impersonate real companies to make people believe they are legitimate. Their ultimate goal is to gain money, private data, or digital access they can use for personal profit.

Some common methods scammers use include:

  • Creating fake job or investment websites.
  • Sending emails or text messages pretending to be from real organizations.
  • Building fake mobile apps that mimic real ones.
  • Using social media platforms to trick people into clicking links or sharing personal information.

Once they obtain your information – such as your name, email, password, phone number, or bank details – they may:

  • Access your social media accounts.
  • Steal your money.
  • Impersonate you to trick your friends and family.

How Do Scammers Trick Internet Users?

Scammers spend a lot of time designing fake websites and apps that look almost identical to real ones.
For example, they might create a fake login page that copies the design of a popular service. When you type your information, it doesn’t go to the real company – it goes straight to the scammer.

They may also:

  • Ask you to fill out “bank forms” or “job applications” that secretly capture your financial information.
  • Pretend to offer “watch videos and get paid” or “earn money easily online” opportunities.
  • Request small “activation” or “verification” fees before they release “your earnings.”
    Once you pay, they disappear – and you never get your money back.

How to Identify Fake Websites

It can be difficult to distinguish fake websites from real ones, but the following tips can help:

1. Check the Domain Name:

Many fake websites use suspicious domain extensions like .xyz, .top, or .live.
However, not all .com domains are real either – scammers also use them.
For example:

  • A suspicious site like tb0-video.xyz is likely fake.
  • Even sites that look professional, like easytypingjob.com, can still be scams.

2. Examine the Website Design:

Fake sites often have poor design, broken links, or awkward grammar.
That said, some scams now look visually professional – so always double-check the website’s background, purpose, and contact information.

3. Look Out for Payment Requests:

If a site asks you to pay money up front, especially to “unlock your earnings” or “verify your account,” it’s almost certainly a scam.
Legitimate job or payment platforms never require upfront payments.

Examples of Active Scam Websites

One common example is the fake website tb0-video.xyz, which claims: “Watch videos and get paid for it.”

This site has tricked many users into spending hours watching videos, believing they would earn money. In reality, users never receive payment.
It also operates under another domain, youtuber.cash, using the same deceptive method – requiring users to reach a “minimum balance” and invite more people before they can “withdraw” money.

Such websites are designed to collect traffic and personal data, not to pay anyone.

How to Protect Yourself from Scammers

  1. Always check the website’s domain before entering personal information.
  2. Never pay money up front to unknown websites or apps.
  3. Avoid clicking on suspicious links sent via email or social media.
  4. Use strong, unique passwords for each account.
  5. Enable two-factor authentication (2FA) wherever possible.
  6. Install antivirus software and keep your system updated.
  7. Report suspicious websites to authorities or online communities to warn others.

Conclusion

Scammers are becoming smarter every day, taking advantage of technology and human trust.
But by staying informed and careful, we can avoid becoming their next target.
Always remember:
If something online sounds too good to be true, it probably isn’t true.
Be cautious, verify every online opportunity, and protect your digital life as seriously as your real one.
Together, we can make the internet a safer space for everyone.

Qabiyyee Marsariitii Kanaa, Copy Gochuun Dhorkaadha!